Pirizedaantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir Maayardiit qondaltoota Mootummaa Itoophiyaa wajjiin dhimmoota gara garaa irratti mari’achuuf magaalaa Finfinnee galan.

Pirizedaantiin Saalvaa Kiir daawwannaa isaanii kanan ministiira Muummee Hayilamariyaam Dassaleeny fi Qondaltoota mootummaa biroo wajjiin karaa haali walitti dhufeenya biyyoota lamanii foyya’uu danda’u irratti akka mari’atan ni eeggama.
Kana malees biyyooni lamaan waliigalteewwaan adda adda ni mallatteessuu jedhamee akka eeggamu Gazeexxaan Sudaan Tiribiyuun jedhamu gabaaseera.
Pirizedaantiich dhiyeenya kana Ijipti wayita daawwataaniitti Pirizedaant Abduul Fattaa Al- Siisii wajjiin dhimmaa hidha laga Abbayyaa dabalatee dhimmoota biroo irratti waliigalteera gahuusanii ni yaadatama
Waliigalteen itti fayyadama bishaan laga Abbayyaa fi ijaarsa hidha haaromsa ilaalchisuun biyyoonni lamaan irra gahan jedhame kun ifaatti maal akka ta’e hin beekamu.
Yaa ta’uu malee, waliigalteen biyyoota lamanii kun mootummaa Itoophiyaa mufachiisee akka ture dhaabbileen miidiyaa adda addaa gabaasa turaniiru.
Sudaan Kibbaa fi Ijiptiin Ijaarsi pirojektii hidhaa haaromsa Itoophiyaa faayeda biyyaa biraa karaa miidhuu hin dandeenyeen ijaaramuu qaba yaada jedhuu irratti akka mari’atan gaazeexxaan Sudaan Tiribiyuun jedhamu gabaaseera.
Waliigalteen biyyoota lamanii shakkii keessa galuusa ilaalchisuun odeeffannoo baay’een erga bahee booda Pirizedant Saalvaa kiir daawwannaa hojiif guyyaa kamisaa Finfinnee galaniiru.
Waliigalteen Sudaan Kibbaa Ijipti wajjiin irra geessee jedhamu kun marii qondaltoota mootummaa Itoophiyaa wajjiin mari’atamurratti ka’uu danda’a jedhameera.
Itoophiyaa dabalateen Biyyoonni Gaanfaa Afriikaa mootummaan Sudaan Kibbaa fi Gareen riphe- loltoota Ittii-aanaa Pirizedaantii Biyyaatti duraanii Reek Machaariin hogganamuu akka nagaa buusaan marsiisaa turun isaanii ni yaadatama.
Yaa ta’uu, malee gareen laman mootummaa yeroo cee’umsaa hundeessuuf waliigaltterra erga gahanii booda gara waliitti bu’iinsaatti deebi’aniiru.
Pirizedaanti Salvakiir daawwaannaa isaanii Itoophiyaa kanan qondaltoota mootummaa Itoophiyaa marii nagaa kana marsiisaa turan wajjiin waa’ee waliigaltee nagaa ilaalchiisuun irratti ni mari’atu jedhameera