Baankii Addunyaa haala diingdee Itoophiyaa ilaalchisuun gabaasa yeroo shanaffaaf baaseen galiin Itoophiyaa daldala gara alaatti erguun argatuu fi kan biyyaa alaatti galchitu akka wal hin simnee beeksiiseera
Itoophiyaa keessatti hojii dhaabinsi jiru kan biyyoota Afriikaa biroo wajjiin yoo walibiraatti ilaalamus guddaa akka ta’ees baankich beeksiisera.
Akka gabaasa baankichaatti galiin Itoophyaa daladala alaa irra argatuu waggoota muraasaa asi xiqqaata dhufee jira. Kun immoo guddinaa diingdee biyyaatti irratti miidhaa qaqqabsiisuun, biyyaattiin rakkoo sharafa alaa guddaadhaaf akka saaxilamituuf gumaacheera.
Balaa Hoongee fi mormiin Ummata naannoo Oromiyaa waggaa guutuu gaggeeffamaa turee guddina diingdee biyyaatti akka malee akka miidhee baankiin Addunyaa gabaaseera
Akka yaada furmaata baankii addunyaatti ,itti fayyadama teekenelioojii odeeffanno guddisuu fi imaammata diingdee foyyeessuu rakkoo hojii dhabdummaa furuun barabaachisaadha
Rakkoon hojii dhabdummaa guddina diingdeetiin furmaata argachuu hin dandeenyee jedheera. Rakkoo hojii dhabdummaa yeroo ammaa dhibbentaa 20 ol irra jiru kan biyyoota Afriikaa biroo wajjiin yoo wal biraatti ilaalamu baay’ee guddaa ta’uun beekameera.
Ruwaandaa , Ugandaa fi biyyoonni afriikaa birootti rakkoon hojii dhabdummaa dhibbeentaa 10 gadi akka ta’ee gabaasni baankichaa ni mul’isaa.
Itoophiyaa rakkoolee gama hundaan jiran furuuf tarkaniiffii adda fudhachuu akka qabdu baankichi hubachiiseera.
Baankii Addunyaa fi dhaabbileen fayinaansii biroo kuusaan liqii Itoophiyaa biiliyoona 36 gahee guddina diingdee biyyaattiif qormaata akka ta’ee beeksiisaniiru.
Pirojektoonni misoomaa liqiin hojjataman yeroo karoorfamaniin xumuramanii tajaajila kennuu kan hin jalqabne yoo ta’e guddina diingdeef gufuu biroo akka ta’uu malaan himameera.