kaabineen haaroofti minstiir muummee Itoophiyaa obboo H/Maariyaam Dassaaleeny kibixaata darbee hundeessan gaaffiilee haqaa, dimokraasii, fi eenyummaa ummanni naannoo Oromiyaa fi Amaaraa gaafateef deebii kan kennu akka hin taane himameera. Qondaltoota mootummaa waggoota dheeraadhaf aangoo irra turaniif bakka jijjiruun taayitaa kennuu maalee gaaffiilee ummanni naannoo lamaan yeroo dheeraaf gaaffachaa tureef deebii kennuuf tarkaanifii tokkolee akka hin fudhatamiin qamoolee gara gara waabeffachuuf dhaabbileen sab- qunnamittii addunyaa gabaasa jiru.
Laammmileen naannoo Oromiyaa fi Amaaraa moormii isaanii yeroo dheeraaf dhaggeechisaa turan hundeeffamma kaabinee haaraa ammaa kanatti akka hin gammannee dhaabbanni oduu toora interneetii Kortiizii (Quartz) jedhamu gabaasera. Akka gabaasa kanaatti, ministirri Dhimmaa Alaa fi Ministirri Dhimmaa Komunikeeshiinii miseensota dhaabbata dimokratawaa ummata Oromoo ( DhDUO) ta’un isaanii dhaabbata Addaa Dimokratawaa Waraqisaa Ummattoota Itoophiyaa(ADWUI) keessatti jijjirama qabatamaa tokkolee hin fidu.
Ministira Dhimmaa Komunikeeshii ta’uun kan muuddaman doktoor Nagarii Leencoo miseensa Dhaabbata dimokrataawaa ummata Oromoo (DhDUO) fi kaadiiree amanamaa ta’uu isaaniis toori oduu interneetii quartzi kun gabaseera. kana malees komishiinaarii komishiinii pooliisii Federaalaa duraanii kan turan fi ammaa immoo ministira Dhimmaa Alaa ta’uun kan muuddamaan doktoor Warqiinaa Gabayyoos nama dhaabbata adda bilisaa baasaa tigiraayiitti dhiyeenyaa qaban ta’uu isaanii hoggantoota dhaabbaata gorsaa maappilii kiroof(MapleCrof )jedhamu waabeffachuun gabaasera.
kaabineen haaroofti ministirrii muummee obboo H/Maariyaam Dassaalanyiin hundeessaan kun gaaffii fi mormii ummataa akkasumas paartiilee mormitoota irratti dhiibbaa tokkoolee fiduu akka hin dandeenyee dhaabbataa gorsaa maappilii kiroof keessatti xinxaalaa dhimmoota Afriikaa kan ta’an Eemaa Gordoon( Emma Gordon) Waabeffachuun toori oduu inteerneetii kun gabaasera. hundeeffamin kaabinee haaraa ministira muummee H/Maariyaam Dassaaleeny kun feedhii jijjiramaa lammilee biyyaatti tokkolee kan hin guunee ta’uun himaamera.
Mootummaa Itoophiyaa moormii cimaa ummata naannoo oromiyaa fi Amaaraa irraa isa qunnameen haaroomsa gadi faagenyaa gochaan jira jechu kan yaadatamuu dha. kanan duraas qondaltoota rakkoo bulchiinsaa lammilee irraan gaha truraniif bakka jijjiruuf malee waan haaraa uumee akka hin beeknee lammilee Itoophiyaa yeroo adda adda dubbachaa kan turan ta’uun ni yaadatamaa.
Qondaltoonni rakkoo bulchiinsaa gaarii qaban, kan ummata irrattii rakkoo qaqqabsiisa turaniif malaanmaltummaa hamaa keessa turan aangoo irraa waan jiraniif hundeeffammin kaabiinee haaraa kun ammas moormiin ummataa irraa caalaa kan cimsu malee kan tasgabeessuu akka hin taane gaabafamaa jira.