1. Jaarmiyaaleen siyaasaa kanneen akka Adda Bilisummaa oromoo, Adda dimokraatawaa oromoo fi Arbanyooch Ginboot 7 filamuu DR. Abiy ilaalchisuun ibsa baasan

Addi bilisummaa oromoo ABO’N obbo Daawud ibsaan hoogganamu ibsa inni baase kessaa uummatni akka kaleessaa jijjiirraa fakkeessaan hin sobaman kan jedhuu dha.

Mirga ummattootaa irra ejjatanii mirga ummataa fi murna gabaabaa kabajsiisuuf hammeenyi gama siyaasaa, waraanaa fi hawaasummaan raawwatamus ummattootaan hubatamuu irra hundinuu mirga isaaniif falmachuu malee falli biraa akka hin jirre beekanii qabsoo finiinsuun mooraan diinaa akka raafamu taasisanii jiru.

Mootonni maqaa adda addaa moggaafachuun irratti wal jijjiiranis rakkoo siyaasaa caalaatti hammeessuu malee gaaffii ummattootaaf deebii hin argamsiifne.

Mootummaan TPLF sochii uummatootaa addatti ammoo kan uummata Oromoo dhaamsuuf labsii muddamaa deddeebisee labsuun humna waraanaa itti bobbaasee uummata fixaa bittaa isaa itti fufsiisuuf carraaqaa, gama kaaniin ammoo jijjiirama bubuutuu gochuun Oromoo hawwachuu fi sobuu akka barbaadu tarkaanfii fudhataa fi olola lallabaa jiraachuun irraa dubbifama.

Ilmaan Oromoo qaroon Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti kan lubbuu isaanii bakka bu’aa hin qabne wareegan diina waliin aangoo qooddachuuf osoo hin taane, mirgi uummatni Oromoo akka sabaatti qabu kabajamee hiree isaa irratti murteessaa akka tahu dandeessisuufi.

Miseensotni ABO, fi Qeerroon Bilisummaa qabsoon itti jiran jijjiirraa kabeebsaaf akka hin ta’in hubachiisan.

Uummatni Oromoo gowwoomsaa diinaa bifa jijjiirrataa as bahuuf osoo bakka hin laatin, qabsoo fi diddaa itti jiru jabeessuun sirna kufaatiin isaa kan hin oolle tahuun mirkanaa’e kanatti xumura akka godhu ABOn waamicha isaa dhiyeesse.

Akkasumas Addi dimokraatawaa oromoo ibsa baasaniin yeroo DR. Abiy filamanii gara aangootti dhufan kana haalli biyyattiin keessa jirtu gama siyaasaa diinagdeefi hawaasummaatiin sadarkaa yaachisaa irratti argamti.

Kana furuuf ammoo waltajjii marii biyyoolessaa qopheessuu akka qabus ibsa isaa Kanaan waamicha dhiyeessee jira.

Itti dabaluun labsii yeroo muddamaa ariitiin kaasuu kaasuu akka qabuufi hidhamtoonni siyaasaa gadhiifamuu akka qabanis ibsi kun addeessee jira.

Jijjiiramni amma mul’atu kun wareegama lubbuu namoota hedduun kan dhufe ta’uu ibsuun keessumattuu ilmaan oromoo hedduun lubbuu aarsaa itti kaffalanii jiru.
Kanaaf addawaawayiin carraa waltajjii marii fi araaraa qopheessuun egeree biyyattiif hojjechuu akka qabu ODF ibsa isaa Kanaan gaafatee jira.
Kabajamni mirga namoomaa oromoofi sablammiilee biyyattiii hundaaf akkasumas haqni biyyattii keessatti akka dhufullee addeessee jira.

Qondaalota OPDO jijjiiirama kana fidan kan galateeffate yoo ta’u ibsi ODF kun keessumattuu garee obbo lammaa magarsaa dinqisiifatee jira.

Haaluma wal fakkaatuun Ibsi arbanyooch ginboot sabaat irraa bahe akka mul’isutti dura taa’aan addawaawii haaraan filaman qabatamaatti deebii uummatichaa deebisuu qaba.

Addawaawiin DR. Abiyyiin filuun isaa gaaffilee uummataa deebisuus ta’e dhiisuu kan arginu ta’a jechuun ibsee jira.

Itti dabaluun addawaawiin kara seeraafi qixa sirrii ta’een gaaffilee uummattootaa deebise taanaan akka milkaa’inaatti kan fudhannuu dha.

Dr. Abiy Ahmed hoggansa kanaaf filamuun isaanii uummattoota biyyattii bilisummaa dheeboteef jijjiirama gaarii akka agarsiisu itti amanna jechuun ibsi kun eeree jira.

Gama biroon ammo addawaawiin akkuma barate sirna bulchiinsa isaa dheereffachuuf qofa DR. Abiyyiin filate taanaan qabatamaatti iyya uummataa fi gaaffilee isaanii waan hubate nutti hin fakkaatu jennee amanna jedhan.