Tarbayinoon madda humna Ibsa Takkazee jedhamu sadii hojii dhaabu isaanii himameera

Waggoota saddeetiin dura Bulchiinsa Mootummaa Naannoo  Tigraay keessatti Dolaaraa miliyoonaa 300 fi miliyoonaa 60 kan ijaarame maddi humna Ibsaa Takkazee rakkoon teekinikaa isaa qunnameen Tarbayinootaa Afur keessa sadii hojii dhaabuun isaanii himammera. Maddaa humna ibsaa kana bara darbee sababa goginsatiin hanqinni bishaanii muuddatee kan  turee ta’uun  ni yaadatama.  hidhni  kun kuusaa bishaanii  gahaa malee humna ibsaa  akka maddisiisuu  gochuun Tarbayinoon kunnin  tajaajila kennuu dhaabuuf sababa akka ta’ee Humni Ibsaa Itoophiyaa beeksiisera.

  Maddi Humna Ibsaa Takkazee  maddaa humna ibsaa waliigalaa   biyyaatti maddisiistuu keessaa dhibbeenta sadii kan uwwisuudha.  Humna ibsaa Meeggaa Waattii 300 kan maddisiisaa turee maddii humna ibsaa kun  yeroo ammaa rakkoo isa muddaateen Tarbayiniin tokkich hojii irraa jiru humna meeggaa waattii 75 maddisiisuu kan danda’uu  ta’uus yeroo ammaa garuu giddugalaan  meegaa waattii 45  hanga 55 qofa maddisiisa akka jiru Humni Ibsaa Itoophiyaa beeksiseera. 

Maddi humna Ibsaa Takkazee humna Meeggaa waattii 250  maddisiisuu  waan dhaabeef   dhiyeessa humna ibsaa naannichaa irratti rakkoo akka qaqqabsiisee himameera. rakkoo teekinikaa kana furuuf  kaampaanii tokko wajjiin waliigaltee dolaaraa kuma 200 fi kuma 15 akka mallateeffamee  dhaabbileen sab-qunnamitti mootummaa Itoophiyaa gabasaniiru

Maddii  humna ibsaa Takkazee bajeeta duraa qabameef malee  Dolaariin miliyoonaa 100 fi miliyoonaa 36 dabalataan baasii itti ta’eera. Ogeesoonni yeroo gara gara bajeennii hadha kanaaf ramadamee fi haali teessummaa lafaa kan wal simu akka hin taane beeksiisa turaniiru.

yeroo amma magaalaa Finfinnee dabalatee guutuu biyyaa keessattii tajaajili humna ibsaa waan addan ciccituuf   jiratoonnii fi warshaaleen  rakkachaa akka jiran waltajjii argatan hunda irratti komii isaanii  dubbataniis qondaltoonni Itoophiyaa waadaa galuu malee jijjiirama qabatamaa fiduuf hin dandeenye.

Humni maddaa ibsaa Takkazee  kana rakkoon teekinikaa jedhamee furamee yoom hojii   jalqabee Humna ibsaa Meeggaa waattii 250 yeroo amma maddisiisuu dhaabee akka jalqabuu danda’u  waan beekamu hin jiru.