Rakkoo sarara humna ibsa Qooqaa gara magaalaa Mojii geessu irra gaheen warshaaleen Uccuu magaalaatti keessa jira sanbata darberaa jalqabee omishuu akka dhaabaan himameera

Warshaan omishaa gogaa Mojoo , Warshaa kophee Joorjii, warshaan Omishaa Zayitii Mojoo , Buufata kusaa meeshaalee jibuutii galanii fi warshaan uccuu Itiyoo -Jaappaanii sababa tajaajil humna ibsaa addaan citeen omishaa dhaabaniiru.
Sababa kanan Warshaaleen kunniin omishaa ajajamaan yeroon qaqqabsiisuu akka hin dandenyee hoggantoonni warshaalee himaniiru
Tajaajil humna ibsaa Itoophiyaa gamasatiin, rakkoo meeshaa humna ibsaa irra gaheen sanbata ganama jalqabee magaalan mojoo tajaajila ibsaa akka dhabde beeksiiseera. Rakkoon kun warshaalee gurguddoo magaalaatti keessa jiran miidhaa akka jirus beeksiiseera
Magaalaatti tajaajila ibsaa akka argatuu fi warshaalee omishuu akka jalqabaniif yaaliin taasifama akka jiru hogganaa komunikeshiinii tajaajila humna ibsa Itoophiyaa Obboo Gabra-Igizabiiheer Tafarraa dubbataniiru. Rakkoo kana guyyoota lama keessatti furuuf ogeeyyoonni tattaafachaa akka jiran himaniiru
Warshaalee magaalaatti keessatti argaman guyyoota shaniif omishaa waan dhaabaaniif kisaaraa guddaaf akka isaan saaxiluu dubbataniiru
Rakkoon addan ciccituu humna ibsa daladala biyyaa alaa Itoophiyaa irratti dhiibaa guddaa qaqqabsiisaa akka jiru ministeerri Daldalaa beeksiisa tureera.
Jirattoota magaalaa Finfinnee dabalatee kan naannoolee adda addaa akkasumas dhaabbileen daldalaa addaan ciccituun humna ibsa jiruu fi jireenyaa isaanii irratti rakkoo guddaa akka fidee himaniiru
Qondaltoonni mootummaa rakkoon addan ciccituu tajaajila humna ibsa kun yeroo murasaa keessatti furmaata ni argata jedhanii waadaa galaa turaniiru. Yaa ta’u malee, rakkoon kun furmaata osoo hin aragannee cimee itti fufeera.