Obbo Yoonataan Tasfaayee halkanii fi guyyaa harkii fi miilliisa akka hidhamee himameera

Falmataa mirgaa namummaatiif Hogganaan sab-qunnamittii Paartii Saamayawwii duraanii kan ta’ee Obbo Yoonataan Tasfaayee miidiyaa hawaasaa irratti waan yaada isaa bareesseef shororkeesummadhan himatamee mana hidhaa qilnxoo keessatti hidhameera dararamaa akka jiru beekameeraa.
Akku kanan obbo Yoonatan Tasfaayee sadasaa 2 bara 2009 jalqabee halkanii fi guyyaa miillii fi harkiisaa walitti hidhamee akka jiru Pirojektiin Mirga Namoomaa Itoophiyaa beeksiisera.
Obboo yoonatan gochaa sukkaneessaa kanaaf kan saaxilameef Itti Aanaa Dura Taa’aa Kongraasii Federaliistii Oromoo Obbo Baqqalaa Garbaa fi kan biroo beellama mana murtii hin deemnu waan jedhaniif loltoota mootummatinn yoo dhaannaman maaliif dhaantu waan jedheef.
Obboo Yoonataan wajjiin hidhamee kan jiru obboo Addisuu Bullaallaa wayita dhaannamu maaliif dhaantaa waan jedheef, looltoni maal si dhibee jechuun isaas haala sukkaneesadhaan erga rukutanii booda miilaa fi harkaa isaa hidhaniiru.
Hidhaan kun kan irraa hiikkamu wayita maatiin isaa isa gaafachuu dhaqan qofa. manni murtii ragaa ittisaa obbo yoonatan dhaggeeffachuuf sadaasa 19/2008 beellamuunisa ni yaadatama.
Bifuma walfakkatuun gaaffii Abbaan Alangaa himannaan obboo Baqqalaa Garbaa fi miseensoota koree hojii raawwachistuu paartichaa biroo cufadhaan akka ilaalamuuf gaafatemanni murtii federaalaatti, dhaddachi afuraffaan sagalee guutuun kuffisee jira
Manni murtii Federaalaa waa’ee himmannaa Obbo baqaalaa Garbaa fi hidhamtoota isaan wajjiin hidham kan biroo dhaddacha ifa ta’een akka ilaalamu waan murtesseef abbaan alangaa ragaalee dhiyeessu jalqabeera.
Abbaan-alangaa himatamtoota irratti ragaa namaa 43 akka dhiyeessuu mana murtichaatti himeera. manni murtichaas hanga sadaasa 13 bara 2009tti, ragaalee kana dhaggeeffachuun ni xumura jedhamee eegama.