Naannoo Amaaraatti Tilmaamni Gibira Galii Guyyaa beekameera.

Qondaltoonni naanniichaa tilmaamni Gibira galii guyyaa kana wajjiin walqabatee mormiin ka’uu ni mala jechuun sodaa keessa akka jiran maddeen oduu gabaasaniiru.
Qondaltoonni naanniichaa Daldaltoonni tokkummaan komii akka hin dhiyeesineef akkasumas mormii akka hin jalqabne gochuuf tilmaama galii gibira guyyaa addan qooduun akka beeksisaan gabaafameera.
Daladaltoonni Magaalaa tokko jiraatan osoo hin hafne tilmaama gibira galii guyyaa addaan qooduun yeroo gara garaa akka itti himan beekameera.
Tarkaniiffiin addaan qoodaan itti himuu kun daldaltoonni naanniichaa tokkummaan yeroo walfakkaatatti mormii akka hin jalqabneef yaadame akka ta’ees keessa beektoonni dubbataniiru.
Daldaltoon duraanii sadarkaa kaffaltii Gibiraa ‘C’ irra jiran gara sadarkaa ‘B’ fi ‘A’tti akka ol guddatan akka taasifamaan daldaltoonni beeksisaaniiru.
Daldaltoonni tokko tokkoo immoo xalayaan hanga gibira kaffaluu qabanii mul’isu akka isaaniif kenname himaniiru.
Tilmaama gibira galii guyyaa loogummaa kan qabuu fi daldaltoota paartii biyyaa bulchu wajjiin hidhata qaban fayyadauun kan biroo gabaa keessaa baasuuf kan kaayyeeffate jedhameera
Daldaltoonni mootummaa wajjiin hidhata qaban gara kaffaltii Gibiraa sadarkaa ‘C’ tti gadi bu’aanii gibiraa xiqqoo akka kaffalaniif tasifamuusanii himameera.
Magaala Bahaar-Daariitti daldaltoonni kuma tokko ol kaffaltii Gibiraa Sadarkaa ‘C’ irra gara sadarkaa ‘B’ fi ‘A’ tti ol guddifaman jedhameera.
Bifuma walfakkatuun daldaltoota magaloota naanniicha biroo keessatti argaman irratti tilmaamni kaffaltiin gibiraa galii guyyaa dachaa Afurii hanga shaniin akka dabale himameera
Gama biraan Daladaltoonni naanniichaa tilmaama gibira galii guyyaa humna ol itti fe’aame mormuun gabaa lagachuu jalqabaniiru.
Daldaltoon Magaala Shawaa Roobiiti guyyoot darban gabaa lagachuun manneen daldalaa isaanii akka cufan himameera.
Kantiibaan magaalaatti daldaltoota walitti qabee marsiisuuf yaaluus akka hin milkoofneef kedhameera
Mormii daldaltoota kana booda magaalaatiin loltoota mootummaan marfamtee akka jirtu ragaaleen achii argaman ni mul’isu.