Naannoo Amaaraatti Galiin Damee Turiziimii irra argamu walakaa gadiin akka hir’ate himameera.

Naannoo Amaaraatti mormii ummataa wajjiin walqabatee galiin damee turiziimii irra argamu wadhakaa gadiin akka hir’ate himameera
Bara bajeeta xumurama jirutti galiin damee Turiziimii irra argame dhibbeenta 53 akka hir’ate Pirizedaantiin Naannoo Amaaraa obboo Gadduu Andargaachoo Yaa’ii Mana marii naanniichaa tibbaana magaala Bahaar -Daaritti gaggeeffame irratti dubbataniiru
Naannoo Amaaraa qofatti galiin damee Turiziimii irra argamu dhibbeenta 53n kan hir’ate yoo ta’u, kun immoo galii damee kanarra sadarkaa biyyaatti argamu miidhuu akka danda’u tilmaameera.
Qondaltoonni Mootummaa mormiin ummataa fi Labsiin yeroo hatattamaa galii biyyaatin damee adda adda irra argatu kan miidhuu miti jechun ibsa kenna akka turan ni yaadatama.
Oduu biraan immoo, jirattoonni naanniichii hanqina humna ibsaan rakkachaa akka jiranii fi waarshaalee haaraa hundeessuun akka hin danda’amne Miseensoonni mana marii naannoo Amaaraa himaniiru.
Hanqinni humna ibsaa abbootiin qabeenyaa gara naanniichaa dhaqanii hojii invastamantii irratti akka hin bobbaneef gufuu akka ta’es dubbataniiru.
Waggoota kurnaan darbaan buufanni humna Ibsaa tokkolee naannoo Amaaraa keessatti akka hin ijaaramne miseensoonni mana mariichaa beeksisaniiru.
Buufatoonni humna ibsaa kan bara mootummaa Dargii ijaaraman waan ta’aniif dullomuun tajaajila gahaa kennaa akka hin jire miseensoonni mana mariichaa dubbataniiru.
Rakkoon kun yeroo muraasa keessatti kan hin furamne yoo ta’e ummata sobuu irra dhugaa jiru akka itti himan qondaltoota humna ibsaatti himaniiru.