Mormii Ummataa wajjiin walqabatee namoonni 669 akka ajjeefaman Qulquleeffachuusa Koomiishiniin Mirga Namoomaa Ityoophiyaa beeksiiseera

Ka’umsi mormii Ummaataa rakkoo dhimmoota bulchiinsa gaarii wajjiin walqabatan jechuun Komishiniinariin mirgaa namooma Itoophiyaa Dr Addisuu Gabra -Igzabiheeriin gabaasa dhiyeessaniiru
Loltoonni bakka baay’eetti tarkaanfii walgitaa akka fudhatanii fi bakka tokko tokkotti garuu tarkaanfii humna olii fudhachusaanii Addisuu Gabra -Igzabiheeriin gabaasa mana marii bakka bu’oota Ummataaf dhiyeessaniin himaniiru.
Komishiniichi naannoo Oromiyaa godinaalee 15 fi magaalota 91, naannoo Amaaraa godinaalee 5 fi aanaalee 55, akkasumas naannoo Kibbaa godina Geede’ootti magaalota 6tti qorannoo akka gaggeesse beeksiiseera.
Loltoonni Mootummaa Ayyaana Irreechaa irrattiis gaazii nama boosisuu fayyadamuu irrati dogogorii umamee hin jiru jechuun Dooktar Addisuun dhuga jiru dhiisuun loltootaa mootummaaf ragaa bahaniiru.
Loltoonni Mootummaa Godina Arsii lixaa, Baalee fi Gujiitti tarkaanfiin fudhatan walgitaa akka tures dubbataniiru.
Yaa ta’u malee, Baalee Roobee fi Harargee Bahaatti namoonni 28 kan itti ajjeeffaman, magaalaa Dhedheessaattis tarkaanfiin loltoonni lammiilee nagaa irratti fudhatan walgitaa akka hin ture himaniiru.
Rakkoo mudatee tureen namoonni nagayaa 462 akkasumas hidhattoonni mootummaa 33 waliigalaan namoonni 495 akka du’an dubbataniiru.
Adaamii Tulluutti du’a namoota 14f, Awwadaayii fi Dhedheessaatti immo du’a lammiilee 38f akkasumas miidhamuu namoota 62f loltoonni mootummaa tarkaniiffii humna olii fayyadaman itti gaafatamuu akka qaban hubachiisaniiru.
Naannoo Kibbaa godina Geede’ootti rakkoo bulchiinsa gaarii fi fayyadamummaan walqixaa dhabamuu wajjiin walqabatee hiriira fi mormii ummatatiin irrati namoonii 34 yoo du’aan, 39 miidhamaniiru.
Rakkoo kanaaf bulchiinsi Geede’oo, miseensonni poolisii, qaamoleen mootummaa, dhaabbanni Godinicha bulchaa jiruu fi hirmaattonni itti gaafatamuu akka qaban komishiiniich himeera.
Naannoo Amaaraatti immoo sababiin gaaffiin mirga Eenyummaa Walqaayit deebii hin arganne, olaantummaan Saba Tigraay jira, kitaaba maxxanfamee ba’erratti gaarri Daashiin naannoo Tigraayiif kennameera kan jedhu ka’uumsa mormiiti jedhaniiru.
Dabalataniiis dhimmi daangaa Xagadee deebii yaa argatu kan jedhu fi Sudaanif lafti Ityoophiyaa kutamee kennameera kan jedhu sababoota gurguddoo akka ture koomiishinichi beeksiiseera.
Waamichi mormii ESATin dhiyaateen alaabaan biyyattii jijjiramuusa mirgi sabaa fi sablammootaa dhiibameera jedheera komishiiniichii.
Mormii Ummataa kanan waliigalaan qabeenyi Birrii miiliyoona dhibbaa fi miiliyoona 11 fi kuma dhibba 4 fi kuma 17 akka barbada’ees himaniiru.
Mormii Ummata Naannoo Amaaraa kanan namoonni 110 fi hidhattoonni mootummaa 30 yoo du’an, namoonni 236 fi hidhattoonni 100 miidhamaniiru.
Mana hidhaa Bahaar- Daar, Jiginaa fi liiboo Kamkamiitti tarkaniiffiin loltoonni fudhatan walgita akka ture himaniiru.
Goondar Maaraakiittiis tarkaanfiin fudhatames walgitaa akka ture dubbataniiru.
Danbiyaatti namoota daandii cufan, Dabaarqitti Wagaraa, Dabrataaboor, Simaadaa, Ibnaat, Daangilaatti loltoonni mootummaa tarkaanfii humna olii akka fudhatan Dooktar Addisuun beeksiisaniiru
Waliigalaatti gabaasni Komishiniichi dhiyeesse kun dhugaa irratti kan hin hundofnee fi lakkofsa namoota loltoota mootummaan ajjeeffamanii gadi xiqqeessuun gutumaatti kallattii mootummaan barbaadu qofan kan qopha’ee akka ta’e himameera.