Mootummaan Itoophiyaa Paartileen Mormitootaa akka marii parlaamaatti hirmaatan qopheessaa akka jiru beekame.

Mootummaan Itoophiyaa Paartileen Mormitootaa waggaatti yeroo sadii paarlaamaa seenanii marii irratti akka hirmaataniif manuwaalii dandeessisu qopheessaa akka jiru beekame.

Partileen Mormitootaa garuu osoo uummaataan filatamanii sagalee bakka bu’iinsaa hin argatin marii parlaamaa irratti argamuun heera biyyattiin ala jedhan.

Itti-Aanaa duraa Ta’aan Paartii Kongraasii Fedaralistii Oromoo Obbo Mulaatuu Gammachuu, mormitoonni uummataan osoo hin filamanii bakka bu’iinsa osoo hin argati paarlaamaa keessatti argamuun adeemsa maaliiti jechuun gaafataniiru.
Paarlaamaa keessatti hirmaachuun kan danda’amu yoo uummataan filataman qofa jedhan.

Mormotoonni aangoo murteessuu bakka hin qabnetti mari’achuun faayidaa tokko akka hin qabne Obbo Mulaatuun himaniiru.

Mootummaan gorsa mormitootaa barbaada yoo ta’e parlaamaa keessatti osoo hin taane waltajjii marii addaa qopheessuu akka qabu Obbo Gammaachuun gaafataniiru.

Itti-Aanaa Dura Ta’aa paartii Aariinaa Obbo Gohitoom Tsaggaayee gamasaaniitin, mormitoonni kaayyoo maaliif karaa kanaan mootummaa wajjin akka mari’ataniif barbaadamuun naaf hin galle jedhan.

Mariin kun parlaamaa keessatti akka mari’atamu kan yaadameef mormii paartiin biyya bulchu teessuma paarlaamaa kophaatti dhunfatee jira jedhu hambisuuf yoo ta’een ala fayidaa biroo akka hin qabne obbo Goyitoom himaniiru.

Pirizidaantiin Paartii Raa’ii Itoophiyaa Obbo Tashaalaa Sabiroo mootummaan mormitootaa wajjin ni mari’ata kan jedhame filannoo bara 2002 booda ta’us hanga ammaa mariin homaayyuu akka hin jirre himaniiru.

Mariin jedhame kunis gara hojiitti akka hin jijjiramne himan.
Pirizedantiin paartii Dimokrasuummaa Itoophiyaa Dr Kabbadaa Caanee mormitoonni parlaamaa keessatti kan hirmaatan bu’uura maaliitiin jechuun gaafatu.

Heera mootummaa bu’ureffachuun moo, labsiin labsamemmoo kaallattii imaammataa qabaa jedhan.
Mootummaan dursa gaaffii uummataaf deebii sirrii kennuu akka qabu Dr Kabbadaan himaniiru.
Yeroo ammaa bakka uummanni Mootummaa fi mormitootaaf fedhii hin qabnetti akkaataa kamiin mariin paarlaamaa barbachiisa jechuu isaanii gaazeexaan biyya keessatti maxxanfamu gabaaseera.
Mootummaan Itoophiyaa teessuma parlaamaa hunda kophaatti dhunfaatee waan qabateef, mormii cimaan biyya keessaa fi alaarraa qunnameera.

Mormii kanaaf furmaata jechuun mormitoota marii parlaamaa irratti waggaatti yeroo sadii hirmaachisuuf akka karoorfate keessa beektonni beeksisaniiru.