Mootummaan Itoophiyaa Namoota kuma sagaalii ol mana hidhaatii akka gadi dhiisuu beeksiiseera.

Labsii yeroo hatattamaatinNamoota moora waraanaa shan keessatti hidhamanii turan keessaa 9800 akka gadi dhiifaman Ministirri Ittisaa fi barreesan Komand Poostii Siraaj Fargeessaa miidiyaalee biyyaa keessatti himaniiru.

Namoonni kunniin wayita hidamanii turaniitti leenjii gahaa ijaarsa humnaa fi ilaalchaa waan kennameef nageenya biyyaatti mirkaneessuu keessatti gahee guddaa akka gumaachaan kan dubbatan qondaallii mootumma kun , Hidhamtoonni seeraan gaafatamuu qaban immoo seeraan ni gaafatamu jedhan.

Duulaa dimishaashaan hidhuu marsaa lammaffaa mootummaan Itoophiyaa Ummata irratti labseen yeroo ammaa namoonni kuma 12 fi 500 qabamanii moora waraanaa 5 kessaati hidhamanii akka jiran yemuu beekamu, kana malees Godina Shawaa Lixaa Sanqaleetti namoonni 4000 hidhamanii akka jiran beekameera.

Mormii ummaata cimaa teessuma bulchiinsa mootummaa Itoophiyaa raaseen, biyyaatti labsii yeroo hatattaama akka bultuuf dirqamisiiseera. Gareen Komand poostii biyyaattii bulchaa jiru namoota kuma 11 ol yakkaa jeequmsa uumuu fi qabeenya barbaaddeessu jedhuun hidhuun ni yaadatama.

Mootummaan ityoophiyaa tarkaanfii hidhamtoota hiikuu kana kan fudhatee erga qondaaltonii mootummaa amerikaa biyyaattii dawatanii deebi’anii booddee ta’un isa waan beekamudha