Mootummaan Itoophiyaa namoota balaa Hoongeetiin miidhaman garagaaruuf qindoomina qamoolee hundaa gaafateera

Balaa hoongee haaraa umaameen lammiileen biyyaatti miiliyoona 5 fi kuma dhibba jaha ta’aan gargaarsa midhaan nyaataa akka isaan barbaachiisuu himameera. Namoota kanniin gargaarsa midhaan nyaataa dhiyeessuuf dolaarii biiliyoona tokkootti dhiyaatu akka barbaachiisuu himameera.
Itti-aanaa Ministiraa Muummee fi Dura Taa’aan Boordii komishiinii Qajeelcha Itiisa Sodaa Balaa Biyyooleessa Obboo Dammaqaa Mokonnoon balaa hongee sababa jijjirama qillensaan dhufee kun guddina diingdee biyyaatti akka hin miineetti damdamachuuf mootummaan isaanii yaalaa jira jedhan.
Naannooleen balaa kun miidhaa akka hin qaqqabsiisneef hojii gaarii hojjacha akka jiran himaniiru. Qaamooleen dhimmi ilaalatu hundi midhaan nyaata, bishaan akkasumas beelladootaaf marga dhiyeessuun qindominaan hojjachuu akka qaban ministirich waamicha dhiyeesaniiru
Godinaalee akka Boraanaa, Baalee, Gujii akkasumas Sumaalee kibba fi Oomoo Kibbaa hanqina rooba hamaatiin akka miidhaman komishinaarri komishiinii Qajeelcha Itiisa Sodaa Balaa Biyyooleessa obboo Mitikkuu Kaasaa bilbilaan Ejeensii oduu Anadooluu jedhamutti himaniiru.
Kutaalee biyyaatti biroo garuu omishaa hanga yaadame akka argatan himaniiru.
Balaa Hongee jijjirama qillensaa wajjiin walqabatee dhufeen lakkoofsi namoota bara darbe gargaarsa midhaan nyaataa isaan barbaachiisuu wadhakaan akka hir’ate dubbatniiru.
Bara darbee namoonni miiliyoona 10 fi kumni dhibba lama gargaarsa midhaan nyaata hatattaamaatiif saaxilamanii akka turan komishinaariich yaadachisaniiru. Yeroo amma garuu lakkofsi namoota gargaarsa midhaan nyaataa isaan barbachiisuu dhibbentaa 44 gadi bu’eera jedhan.
Horsiisee bultoota balaa hoongee kanani miidhamaniif Midhaan nyaata, bishaan fi marga dhiyeessuu akka jalqaban himaniiru.
Garee miidhaa hoongee kana qoratuu garaa naannoolee bala kanan miidhamaniitti erguun kan qorachiisan yoo ta’u, namoonni miiliyoona shanii fi kumni dhibba jaha gargaarsa midhaan nyaata akka isaan barbaachiisuu mirkaneessuu isaanii komishinaarich beeksiisaniiru.
Miidhaa balaan hongee kun qaqqabsiisuu ittisuuf dolaarii miiliyoona 900 fi miiliyoona 20 ol akka barbaachiisuu himaniiru.