Ministirri Dhimmaa Alaa Biriteen, mirga lammiilee biyyaattii kabachiisuuf waada galan dhugomsuu akka qaban paartiin Leebaar waamicha dhiyeesseera.

Haala yeroo Obboo Andargachoo Tsigee ilaalchiisee Paartiin Leebaar ibsa baaseen, ministirri dhimma alaa haaraa muudaman Boriis Jonsaan dhimmaa kanaaf xiyyeeffaannoo addaa kennen akka hordofaniif duuli mallattoo deegarsaa walitti qabuu akka jalqaban beeksiiseera.
Ji’oota sadeen darban obboo Andargachoon maatii fi qaama dhimmi ilaalatuun akka hin daawwatamne dhoorkamuu isaanii paartiich beeksiisera. Minsteerri dhimmaa alaa tarkaniiffi hatattaama fudhachuu akka qaban paaritich gaafateera.
Ministirri dhimmaa Alaa Biriteen dhiyeenya muudaman Boriis Jonsaan kabajamuu mirga lammiilee biyyaattiif dursa kennan akka hojjatan waada galan hojii irraa olchuun dhimmaa obboo Andargachootiif furmaata kennu qabu jedheera.
Ji’oota Sadeen darban mootummaan Itoophiyaa bakka bu’oonni mootummaa Biriteeniin Obboo Andargachoon akka hin dawwanne dhorkuun isaa xiyyeeffannaa dhaabbilee mirga namaaf falmanii fi sab-qunnamitti biyyaatti ta’eera.
Ministirri dhimma alaa biyyaatti duraanii Filiip Hamoond ji’aan dura Itoophiyaa wayita daawwatanii turanitti, obboo Andargachoon tajaajila gorsa seeraa akka argataniif qondaltoota mootummaa Itoophiyaa wajjiin waliigalusaanii himanii turan.
Ya ta’u malee,waliigalteen biyyoota laman kun hanga ammaatti gara hojiitti akka hin jijjiramnee paartiin leebaar beeksiiseera.
Mnistirri dhimmaa alaa Boriis Jonsaan soodaa qamoolee gara gara irra dhiyaachaa jiruuf xiyyeeffannaa kennuun waa’ee dhimmaa Obboo Andargachootiif furmaata hatattaamaa akka kennan paartich hubachiiseera