Manni Murtii Mootummaa Itoophiyaa Barattoota oromoo yuunvarsiitii hidhaa hanga waggaa afurii ji’oota shanii itti murteesse

Barattoonni oromoo jahan barattoota Oromoo waggoota laman dura Mastaar Pilaanii Magaala Finfinnee fi Magaaloota Godina Addaa Oromiyaa naannoowwa Finfinnee waan mormaniif hidhaman keessa muraasa. Mootummaa Itoophiyaa mormii cimaa Ummataatiin Masatar Pilaaniin kun akka hafe beeksiisuun isaa ni yaadatama . Yaa ta’u malee, barattoota Oromoo yunvarsitiwwaan adda adda keessatti baratan waan mastaar pilaanii kana mormaaniif qofa maqaa gocha shorerkeessummaa jedhuun mana murtiitti himachaa tureera.
Yuunivarsiitii jimmaatti barataa muummee Injinariiniig Bishaanii waggaa sadaffaa kan ta’ee Leenjisaa Alamaayyoo jalqabumuratti mani murtii yakka kana irraa bilisaa baaseera. garuu yeroo adda adda qabamee hidhamaa jira. barattonni shanan hafan mana hidhaa keessa turan. Barataa Magarsaa Warquu immoo dhiyeenya kana manni murtii bilisaan gadi dhiiseera.
Manni Murtii Olaanaa Federaalaa dhaddachi yakkaa 19 ffaan barattoota oromoo kanniin yakka ittin himataman ittisuu hin dandeenye jechuun murtii hidhaa itti murteessera.
Barattoota maqaan gocha shorkeessummaa jedhu kennameef hidhaan itti murta’ee 1ffaan Abbabaa Urgeessaa, 2ffaan Addunyaa Keessoo, 3ffaanBilisummaa Daammanaa fi 4ffaan Tashaalaa Baqqalaati.
Barataa Yuunivarsiitii Haromaayaa Abbabaa Urgeessaan Yuunvarsiitii Haromaayaatti boombii darbachuun barataan 1 akka du’uu fi 40 immoo akka miidhaman sababa ta’eera jechuun abbaa alangaa himateera.
Baratoonni kun immoo Yuunvarsiitii Adaamaa fi Jimmatti jeequmsi akka ka’uuf ergama fudhatanii waraqaalee kakaasii raabsaa turaan jechuun Abbaan Alangaa mootummaa federaalaa himateera.
Barataa Abbabaa Urgeessaa pooliisiin guyyoota dhaddacha lamanii dhiyeenya kana irratti mana hidhaa Shawaa Roobiitii mana murtiitti dhiyeessuu waan hin dandeenyeef murtiin itti murta’ee torbee dhufu akka dubbifamuuf beellamameera. .
Barataa Addunyaa Keessoo fi barataa Bilisummaa Daammanaa hidhaa waggaa 4 fi ji’a 5n mani murtii Federaalaa itti murteesseera..
Barataa Tashaalaa Baqqalaa immoo hidhaa waggaa 1 fi ji’a lamaan itti murta’eera.
Barattoonni Oromoo kunnii akkuma lammiilee Oromoo kumatamatti lakkawaman biroo gochaa mootummaa waayyaannee waan mormaniif qofa maqaa yakkaa kennameef manneen hidhaatti biyyaatti dararaaman keessa muraasaa. Waggoota 25 darban namoonni saba oromoo ta’aanii sadarkaa adda adda irra jiran manneen hidhaa mootummaa waayyaannee keessatti maqaa biroo itti maxxansuun haala sukkaneessan dararaama jiru.