Manni Murtii Federaalaa dhadacha 19ffaan gaaffii Doktoor Maraaraa Guddinaa ragaalee namaa abbaa halangaa argachuuf dhiyeessan hiikkaa gara mana marii Federeshiiniitti qajeelcheera.

Manni Murtiichaa gaaffii kana gara Mana Marii Federeshiiniitti kan qajeelchef maqaa ragaalee abbaa Alangaa abukatoota isaaniitiif kennuuf aangoo qaba moo hin qabu kan jedhu Hiikkaa Seeraa barbaachiisa jechun.
Gaaffii himaannaan isaan irratti dhiyaate himaannaa shororkeessummaa dhaabbilee miidiyaa lamaan biyyaa keessa hin jire irratti dhiyaateerra adda bahee akka ilaallamuuf Dr Maraaraan gaafatan manni murtiichaa ammaas dideera
Abbaan Alangaa hanga dhimmi himaannaa kun nageenya ragaaleef soodachiisaa akka ta’e hin ibsinetti maqaa ragaalee kennu diduu kan hin barbaachisne ta’uusa Barsiisaan Seeraa Yuuniversiitii Melboorn irraa Dr Tsagaayee Ararsaa madda oduu Addiis Standardiitti himaniiru.
Maqaa ragaalee kennuun mirga bu’uuraa lammiilee akka ta’ees himaniiru.
Karaa biraatin Gaaffii Dr Maraaraan maqaa ragaalee abbaa alangaa argachuuf dhiyeessan hiikkaa Seeraaf gara Mana Marii Federeshiiniitti qajeelchuun himaannaa kana lafarraa harkisuu fi Abukatoota isaanii nuffisiisuuf yaadame akka ta’e dubbatameera.
Dr Maraaraa Guddinaa gamasantiin, gaaffii mirga Ummata Oromoo fi Ummata Itoophiyaa waan falmaniif, akkasumas haqaa, walqixummaa fi sirni Federalaziimii akka dagaguuf waan qabsa’aniif akka hidhaman mana Murtiichaatti himaniiru.
Abukatoonni Dr Maraaraa Guddinaa murtii manni murtichaa hiikkaa seeraaf jechuun gara Mana Marii Federeshiiniitti qajeelche kana akka mormaan gabaafameera.
Abbaan Alangaa mootummaa abbaa irree Itoophiyaa Dr Maraaraa Guddinaa heera mootummaa humnaan Diiguu yaaluu, Labsii yerooo hatattamaa labsame darbuu fi odeeffannoo maqaa mootummaa xureessuu miidiyaaleef kennuu jechuun akka himate ni yaadatama.
Manni Murtichaas himaannaa kana dhageeffachuuf ammas Adoleessa 25 bara 2009 beellameera.