Manni maree Naannoo Amaaraa mormiin uummataa naannichatti jalqabame farreen nageenyaa akka kakaasan beeksiise.

Manni maree naannoo Amaaraa maddi ka’umsa mormii uummataa naannichatti jalqabe rakkoo bulchiinsa gaarii fi farreen nageenyaati jechuun kaabinoota haaraa muuduun xumure.
Miseensota kaabinee pirizedaantii naannichaa Gaadduu Andargachootiin dhiyaatan 22 keessaa 10 kan durumaa turan yoo ta’an, 12 immoo haaraadha jedhameera.

Manni marii naannichaas muudama kabinoota kanniinii raggassiseera.
Hoggantoota Biiroolee haaraa 12 keessaa jaha yunivarsitiiwwan naannicha keessatti argamanitti barsiisaa kan turan jedhame.

Miseensa paartii naannichaa ta’uun deggersa paartichaatiin barnoota isaanii hanga sadarkaa doktorummaatti akka hordofan beekameera.
Hogganaa Biiroo Maallaqaa fi Misooma Diinagdee kan turaniif mormii Uummataa ilaalchisuun hoggantoota naannichaa fi paartii mormituu kan turan Obbo Ayyaanaw Balaay aangoo irraa kaafamaniiru.
Mormii Uummataa ukkaamsuu fi namoota mormiif bahan harka lafa jelaatiin ajjeessisaa kan ture Itti Aanaa Pirizedaantii naannichaa Obbo Binaalf Andu-Alem ammas aangoo isaanii irra akka turan beekameera.
Waayyaaneen pirizedaantiin naannichaa Obbo Gaadduu Andargaachoo saba Tigraay naannoo Amaaraa keessatti miidhaan waan irra gaheef dhiifama gaafadhu jechuun muddaa jirti jedhama .

Waa’een dhimma eenyummaa uummata Walqaayiit bulchiinsa mootummaa Tigraayiin furmaata argata jechuun bira darbameera.