Loltoonni fii namoonni uffata sivilii uffatan maqaa komaand postiitiin jiraattota rakkisaati jiran.

looltoonni fi namoonni uffata siviilii uffaatanii komandi poostii mootummaa itoophyaa jalaatti akka hundeeffaman dubbattan aanaalee gara gara keessatti daandii irratti namoota dhaabaanii sakkata’uunii fi abbootii Qabeenya soodachiisuun qabeenya isaanii irraa saamaa akka jiran ragaalee iddoo adda addaatti nu gahan mirkaaneessaniiruu.
Bakka Aleelituu jedhamuutti poolisoon miseensota koomandi poostiitti jedhanii boorsaa ishee akka irra fudhatan dubartiin tokkoo himaniiru. kana malees Gojjaam lixaa keessatti namni maqaan isaanii nageenyaaf jecha akka hin waammamnee barbaadan dargaggotaaf maallaqa kennuun mootummaa akka fonqolchaniif gurmeessa jirta jechuun namoonni uffata siviilii uffataan lama waraqaa eenyummaa isaanii itti agarsiisuun birrii kuma lama yoo fiddee bilisa si baasna akka jedhaniin beekisisaniiru. Abban qabeenyaa kun borumtii maallaqaa jedhamee isaaniif kennuuf beellamuun haala jiruu pooliisii beeksiisuu isaanii dubbataniiru . Yaa ta’u malee namoonni kunniin deebi’aanii akkan dhufnee himaniiru.
yeroo ammaa naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessatti miseensonnii raayyaa ittisa biyyaa fi pooliisoonni maqaa koomandi poostii jedhuun bilbilaa moobayiilii, maallaqaa fi qabeenyaa gaatii gaarii baasaan sodaa tokko malee saamaa akka jiran himaameera. dargaggoonni bilbilii isaanii jala saamamee baay’een gocha kana pooliisiitti beeksiisaanis deebii homatuu argachuu akka hin dandeenye dubbataniiru.