Lammiileen Itoophiyaa Baadiyaa jiraatan dhibbeentaa 51 bishaan dhugaatii qulqulluu hin argatan jedhameera.

Lammiileen Itoophiyaa baadiyaa jiraatan dhibbeentaa 51 bishaan dhugaatii qulqulluu akka hin arganne dhaabbanni Mit-Mootummaa Water Aid gabaasa mata-duree The World’s Water 2017 jedhuun baaseen beeksiisera.
Akka gabaasa dhaabbatichaatti, lammiileen Itoophiyaa baadiyaa jiraatan miliyoona 40.9 bishaan dhugaatii qulqulluu waan hin arganeef biyyaatiin biyyoota lammiileen isaanii bishaan qulqulluu hin arganne akka Indiyaa ,Chaayinaa fi Naayjeriyaatti aanuun sadarkaa arfaffaa irra jirti.
Itoophiyaa keessatti foyya’insi dhiyeessa bishaan dhugaatii qulqulluu akka jiru dhaabbatichi ibseera. Garuu Itoophiyaan ammas biyyoota addunyaa dhiyeessi bishaan dhugaatii qulqulluu sadarkaa gadii aanaa irra jiru kurnan keessatti akka argamtuus beeksiiseera
Jijjiirama qilleensaa wajjiin walqabatee namoonni miliyoona 10 beelaaf saaxilamanii akka turan yaadachiseera. yeroo ammaas lammiileen Itoophiyaa miliyoona 5.6 hanga yeroon omisha itti aanuu gahuut gargaarsa midhaan nyaataaf saaxilamanii akka jiran gabaasich mul’iseera.
Itoophiyaan biyyoota addunyaa jijjiirama qilleensaa guddadhaaf saaxilaman digdamoota keessa tokko akka taate Water Aid beeksiiseera. Biyyoota addunyaa 23 rakkoo jijjiirama qilleensaa damdamachiisuuf rakkataan keessatti Itoophiyaan akka argamtu qorannoon dhaabbaticha ni mul’isa.
Ummata Itoophiyaa keessaa dhibbeentaan 81 kan ta’u baadiyaa keessa kan jiraatu yoo ta’u jiruu fi jireeny isaaniis qonna irratti kan hunda’e akka ta’e himameera.
Qonnii biyyaatti harkaa gara afaanii ta’e kun irra caala rooba irratti kan hunda’e waan ta’eef jijjiirama qilleensaan miidhaa guddaan irra gaha akka jiru Water Aid beeksiiseera.
Kun immo imammaata diinagdee Itoophiyaa qonnaan hogganamuuf qormaata gudda ta’eera. Kanaafu Mootummaan Itoophiyaa dhiyeessa bishaan guddisuun rakkoo hanqina roobaan dhufu to’aachuu akka qabu dhaabbatich hubachiisera.