Lammiileen Biyyoota Afriikaa 40 ol Gaammoojjii Saahaaraa keessatti dheebuu bishaaniitiin lubbuu isaanii akka dhaban Waldaan Fannoo Diimaa Addunyaa beeksiiseera.

Lammiileen Biyyoota Afriikaa Gamoojjii Saahaaraa gadii kunniin gara Libiiyaatti baqachaa osoo jiran jedhameera.
Konkolaataan Kaabaa Niijeer baqqatoota fe’ee gara Libiiyaa deemaa osoo jiru rakko teekinikaa Gammoojjii Saahaaraa keessatti mudateen akka ta’e BBC gabaaseera.
Dheebuu bishaaniitiin baqqattoonni 44 lubbuu akka du’aan dubartoonni jaha balaa kana irra lubbuun hafan himaniiru.
Namoota dheebuun gammoojjii Sahaaraa keessatti lubbuu isaanii dhaban keessa daa’immaan akka jiran himaniiru.
Lammiileen Biyyoota Afriikaa Gammoojjii Sahaaraa gadii jiran baay’een gamoojjii kana qaxxamuruun gara Libiyaatiin Awurooppaa seenuuf akka itti fayyadaman ni himama.
Baqqattoonni gammoojjii Sahaaraa qaxxamuruun lubbuun Libiiyaa seenuuf carra argatan imala sukkaneessa birootiin galaanaa Meedtiraniyaanii qaxxamuraan gara Awurooppaa seenuu.
lammiileen Afriikaa kumatamatti lakkawaman gara Awurooppaa seenuuf wayita yaalaan gaalaana Meedtiraniyaan keessatti dhidhimuun lubbu isaan dhabaniiru.