Lakkoofsi Ummataa fi Manaa yeroo lammaffa karaa Heera Mootummaa Diiguun akka dheerefamu taasifameera.

Itoophiyaatti lakkofsi ummataa fi manaa bara kana keessa gaggeeffamu qabu yeroo lammaffaaf akka dheerefamu kan taasifame murtii walgahii koree hojii raawwachiistu Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraayiin jedhameera.taasifameera.
Lakkofsicha yeroo biyyaatti tasgabbii dhabde jirtu kanatti gaggeessuun rakko biraa fida jedhame waan soodatamef akka dheerefamu murta’uusa ragaaleen ESAT argate ni mul’isu
Lakkofsi Ummataa fi manaa birrii Biiliyoona 3 ol ramadaeef kun Sadaasa bara 2010 gaggeeffama jedhame ture.
Pirezedaant Doktor Mulaaruu Tashoomaas hojii mootummaa waggaa ilaalchisun walgahii mana marii lamaan wayita banaan dhimma lakkofsa Ummataa fi Manaa irratti akka hin xiyeeffannee ajajamusaanii ragaaleen mul’isaniiru
Akkaata Heera Mootummaa Itoophiyaa yeroo amma hojiirra jiruutti lakkofsi Ummataa fi manaa waggaa kudhan kudhaniin gaggeeffama.
Lakkofsi Ummataa fi manaa dheeresun yoo barbaachise heera mootummaa foyyeessuu kan barbaachisu himameera
Mootummaa waayyaannee garuu bakka haal-dureen kun hin raawwatamneetti yeroo lakkofsi ummataa fi manaa itti gaggeeffamu dheeresun seeraan kan gaafachiisu ta’u ogeessoonni seeraa himaniiru.
Yeroon lakkofsa Ummataa fi Manaa kan dheerefameef sababa Murtii Adda Bilisa Baasa Ummata Tigraay fi maalnmaltummaa wajjin walqabaten ta’u, minseensi Parlaamaa duraanii fi maqaan isaanii akka dhahamu hin barbaanne ESATti himaniiru
Kompiyutaroota kuma 100 fi kuma 80 ol lakkofsa ummataa fi manaaf ni barbaachisu jedhamanii bitaman wajjiin walqabatee maalnmaltummaa raawwatameen birriin biiliyoona tokko ol bataman baduun yeroon lakkofsicha akka dheerefamu sababa ta’eera.
Hogganaan Ejensii Stastiiksii Giddugaleessa Obboo Biraatuu Yigazuu yeroo lakkosa Ummataa fi manaa akka dheereffame miidiyaalee biyyaa keessatti himaniiru.