Lakkofsi Gaazixeessitoota hidhamanii dabaluusaa Dhaabbanni Mirga Gaazexxessitootaaf Falmu beeksiise.

Bara faranjootaa xumuramaa jiru keessa lakkofsi Gaazexxessitoota hidhamanii akka dabale Dhaabbanni Mirga Gaazexxestootaaf falmu yookan Committee to protect Journalist jedhamu beeksiiseera.

Itoophiyaan gaazexeessitoota 16 hidhuun biyyoota Afriikaa keessaa sadarkaa sadaffaarra akka jirtu dhaabbatichi beeksiseera.

Biyyoota Gaazexxestoota hidhuun beekaman keessaa Tarkiin 81, Chaayinaan 38, Ijipti 25,Eertiraan 17 akkasumas Itoophiyaan gaazexxestoota 16 hidhuun biyyoota addunyaa keessaa adda durammaan argamu.

Itoophiyaa keessatti erga labsiin shororkesummaa labsamee jalqabee, gaazeexxestoonni baay’een akka hidhaman CPJ, beeksiseera.

Yeroo ammaa mormii Uummataa tasgabbeessuu maqaa jedhuun labsii yeroo hatattamaa labsameen lakkoofsi gaazexxestoota hidhamanii dabaleera.

Gaazexxestoota hidhaan waggaa baay’ee itti murteeffame dabalatee gaazexxestoonni osoo murtii hin argatin hidhaman akka jiran gabaafameera.
Gaazexxestoota 16 hidhaman keessaa Gaazeexxessaa Tamasgeen Dassaleeny mana hidhaa Ziwaay hin jiru akka jedhame tibbana gabaafamee ture.

Maatii fi qaamoleen dhimma Tamasgeen hordofan manneen hidhaa adda addaa gaafatanis hanga ammaatti bakka jiru beekuu akka hin dandeenye beekameera.

Bara faranjootaa 2016 tti gaazexxestoonni 259 biyyoota 32 keessatti hidhamanii akka jiran Dhaabbanni mirga Gaazexxestootaaf falmu CPJ,n beeksiseera.

Lakkoofsi Gaazexxestoota bara kana hidhamanii kan bara darbee wajjin yoo wal biratti ilaalamu gaazexxessitoota 60 caalmaa akka qabu CPJ beeksiisera.

Kun immoo waggoota 25 booda rikardii ta’ee galma’eera.

Afriikaa Keessaa Ijipti, Eritiraa fi Itoophiyaan gaazexxestoota baay’ee hidhuun sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa irra akka jiran CPJn beeksiseera.