Labsii yeroo hatattamaa labsameen dargaggoonni baay’een bakka dhoksaa adda addatti hidhamaniiru.

Namoonni kun taalee biyyaatti adda addaa keessa ukkamsamanii fudhataman giddu gala looltummaa fi kolleejjii Qonnaa adda addaa keessatti dhoksan hidhamanii akka jiran beekameera.
Mootummaan Itoophiyaa namoota kuma 20 hanga kuma 30 ta’an bakka maatii fi firootan isaanii hin beekneetti hidheera. Namoota nagaa hidhaman tooftaa gara garan dararuun soodachisuuf yaaddamee akka ta’ee himameera.
Haali qabinsaa namoota maqaa labsii hatattamaa jedhuun hidhamanii maal akka fakkatu waan beekame hin jiru.
Filannoo bara 1997 wajjiin walqabatee gochi sukkaneessaan namoota magaalaa Finfinneetti qabamanii giddu gala loltummaa Dheedheessaatti hidhamanii irra gahee ture. Gochi sukkaneessa mootummaa waayyaannee kun warra amma hidhamanii jiranirrattiis raawwatamuu danda’a jedhameera.
Bifuma walfakkatuun ,Godina Harargee Lixaa Aanaa Masalaati,Dargaggoota mormii mootummaa irratti hirmaatan fi mormii qiinddeesitan jachuudhaan ragaa sobaa irratti qindeessun hidhaa itti murteessaniiru
Akka odeeffannoo arameen manni murtii Aanaa Masalaa ragaa ergamtoota wayyanee namoota sadii dhaaggeeffachuun namoota 13 hidhaa waggaa 11 fi addabbii birrii .2000 itti murteessee jira. namoota ragaa sobaan qindeeffameen itti murta’e keessa Nama umriin isaa waggaa 15 Jahuun Abdusalaam jedhamu keessatti argama.
Namoonni nagaa ragaa soban itti murteeffame kunniin guyyaa har’aa magaalaa Masalaatti Ambulaansii dhukkubsattootaa fi dubartii deesu gara mana yaala deddebsituun gara mana hidhaa Godina Harargee Lixaa Magaala Cirootti geeffamaniiru.