Itoophiyaatti qoqqophiin hawaasa dippilomatoota irratti kaa’ame turee ka’uus ammas ugguri dabalataa biroo jiraachuu akka maluu himame

Itoophiyaa keessatti sababa labsii hatattamaa yeroo jedhuun qoqqophiin hawaasa dippilomatoota irratti kaa’amee turee ka’uus, yeroo kamiyyuu ugguri biroo hojii irra ooluu akka danda’u mootummaa Biriteen beeksiise. Akkataa labsii hatattamaa kanatiin hawaasni dippilomatoota teessoon isaanii magaalaa Finfinnee ta’ee dhimma kamiifuu magaalaa Finfinnee irraa kiiloo meetira 40 caalaa fagaatanii deemuu yoo barbadan qaama dhimmi ilaalatu beeksiisuu akka qaban dirqamsiisaa.
Mootummaan Itoophiyaa qoqqophii hawaasaa dipplomatoota irra kaa’ee turee kana torbee kana keessa kaasuu isaa beekseera. Mootummaan Biriteen gama isaatiin Ugguri hawaasa dipplomatoota kun ka’uus, yeroo kamuu hubachiisaa yeroo gabaabaa keessatti kennamuun ugguri dabalataa hojiirra ooluu akka danda’u shakkii qabuu beeksiiseera.
Ministeerri dhimmaa alaa Biriteen ragaa akeekkachiisaa lammilee biyyaatiif tamsaaseen, qoqqophiin yeroo kamuu hojiirra ooluu ni danda’aa jedhee shakkee kun bakka tokko tokko deemuurratti dhiibaa akka qaabachuu maluu hubachiiseera
Ministerri dhimmaa alaa Ameriikaa labsiin hatattamaa kun labsamuu isaa hordofuun lammiileen biyyaatti gara Itoophiyaa akka hin deemne akeekkachisee ture. Tarkaniifii mootummaa Ameriikaa kun mootummaa Itoophiyaa mufachiisuun isaa kan yaadatamuudha.
Ministeerri dhimmaa Alaa Biriteen Lammiileen biyyaatti Itoophiyaa keessa jiran bakka addaa addaa yoo deemaan of-eggannoo barbaachiisaa gochuu akka qaban hubachiiseera. lammilleen biyyaatti garaa Godinaalee fi Aanaalee naannoo Oromiyaa fi Amaaraa dhimmaa hatattamaa yoo hin taane akka hin demnees dhaameera.