Itoophiyaatti labsii yeroo hatattamaa wajjiin walqabatee namoonni baay’een hidhamunii fi ammas hidhaa kun itti fufun akka isa yaadesse Gamtaan Awurooppaa beeksiiseera

Haala qaabins mirga namoomaa fi bulchiinsa gaarii biyyaatti keessa jiru irraatti mari’achuuf jilli ergamaa adda mirga namoonaa gamtichaa Starivoos Lamibiraniidaasiin hogganamu guyyoota sadiif Itoophiyaa daawwachuusa gamtichi beeksiiseera
Marii qondaltoota mootummaa Itoophiyaa wajjiin gaggeessen labsii yeroo hatattamaa labsameen lammiileen Itoophiyaa baay’een hidhamuun akka isa yaadesse himeera.
Seeri, qajelfamoonni fi danbiiwwaan biyyaatti lammiilee fi paartiileen mormitoota yaada isaanii bilisaan akka hin ibsaneef gufuu waan ta’aniif hatattamaan foyya’uu akka qaban Gamtaan Awurooppaa hubachiiseera.
Filannoo biyyaaleessa waggoota laman dura filatamee ture paartiilee mormoitoota kan hirmachiisee waan hin taaneef sirni siyaasa paartiilee mormitoota hunda hirmachiisu hojiirra ooluu qaba jechuun Gamtiich gabaasa baaseen hubachiiseera.
Hoggantoonni siyaasa hidhaman gadi dhiisuu, labsii yeroo hatattamaa kaasuu akkasumas lammiileen yaada isaanii bilisaan akka hin ibsaneef dhimmoota gufuu ta’an furun Sirni siyaasa haaraa hunda hirmachiisef bu’uura akka ta’e gamtiich beeksiiseera.
Gamtaan Awurooppaa mormii Ummata Oromoo waggaa tokkoof ture wajjiin walqabatee ajjeecha loltoonni mootummaan lammiilee nagaa irratti raawwatan dhaabbachuu qaba jechuun balaleeffachuun akka ture ni yaadatama.
Parlaamaan Gamtaa Awurooppaa gamasatiin, gamtiichi Itoophiyaa irratti tarkaniiffii cimaa hin fudhanne jechuun komateera.
Keessattu hogganaan Kongrasii Federaliistii Oromoo Dr Maraaraa Guddinaa miseensota parlaamaatiin gamitichatiin afeeramanii gara biyyaatti wayita deebi’an hidhamuun isaanii sirrii miti jechuun miseensoonni Parlaamaa gamtiichaa beeksiisa turaniiru.
Gamtaan Awurooppaa komii miseensoota parlaamaa fi dhaabbilee mirga namoomaaf falmanii hordofuun jila mirga namoomaa tokko gara Itoophiyaatti erguuf akka murteesse beeksiiseera
Filannoo biyyaaleessa waggaa sadii booda filatamuu osoo hin geenye dura sirni siyaasa biyyaatti foyya’uu akka qabu hogganaan jila kana hubachiisaniiru