Ijipt Ijaarsa Pirojektii Hidha laga abbayyaa guffachiisuuf yaalaa jirti jechun Itoophiyaan himate.

Ijipt ijaarsa pirojektii hidhaa laga Abbaayyaa irratti ijaarama jiru guffachiisuuf taattafacha jirti jechun wajjiirri mana marii ijaarsa Hidha Haaromsaa Biyyaaleessa beeksiseera.
Ijaarsi Pirojektii hidha haaromsaa Itoophiyaaf abdii misoomaa Ijiptiif immoo sodaa ta’uun biyyoota lamaan walfalmisisuu fi ija shakkiin akka wal ilaalan gochu itti fufeera.
Biyyoonni Sulula laga Naayeel baay’een ijaarsa pirojektii hidha haaromsaa Itoophiyaa irraa komii kan hin qabne ta’uus, Ijipti garuu jalqabumarraa ija shakkiin ilaala jirti.
Wajjiirri mana marii ijaarsa Hidha Haaromsaa Biyyaaleessa qamoolee dhimmi ilaallatu wajjiin haala ijaarsicha ilaalchisun tibbaana magaala Finfinneetti mari’ateera.
Manni Marii Ijaarsa Pirojektii hidha haaromsaa Doktor Dabratsiyoon Gabramika’eel hogganamu Ijipt ijaarsa pirojektichaa guffachiisuuf tattaafacha jirti jedheera.
Biyyoonni Sulula Laga Naayeel Ijaarsa pirojektii Hidha Haaromsaa Itoophiyaaf beekamtii seeraa akka hin laaneef Ijipt gufuu ta’aa akka jirtu marii kanarratti himameera.
Kanaafuu, gocha Ijipti kana ofirra qolachuun akka barbaachisu manni marii Hidha Haaromsaa Biyyaaleessa beeksiseera
Oduu biraan immoo, Ministiroonni Bishaanii fi Jallisii Itoophiyaa, Ijiptii fi Sudaan magaala Finfinneetti mari’achun pirojektii ijaarsa hidha haaromsaa daawwataniiru.
Ministiroonni Bishaanii fi Jallisii biyyoota sadeen dhimma ijaarsa hidha haaromsa irratti yaadaan waliigaluu akka hin dandeenye Sudaan Tiribuun gabaaseera.
Ministirri Jallisii Ijipti Mohammaad Abdaal Ataay bu’aan qorannoo ogeessoota addunyaa bilisan qoratamu turun biyyaa isaanii baay’ee akka yaaddeesse himaniiru.
Ijipti gabaasa qorannoo garee ogeessoota bilisaan qoratame kana fudhachuuf akka rakkatu ministirichi dubbataniiru.
Ministiroonni biyyoota sadeen yaada haalduree ka’uumsa qoranoo irratti waliiglaniis gargarummaan akka jiru Gaazexxaan Ijipt Indipendaant jedhamu gabaaseera.
Raawwiin ijaarsa pirojektichaa dhibbeenta 60 irra akka jiru fi bara kana keessa humna ibsa meega waatii muraasa maddisisuu akka danda’u sagantaa daawwii pirojekticharratti himameera