Hordoftonni Amantaa Islaamaa Oromiyaa ayyaana Sooma hiikaa dhengaddaa kabajatan irratti dhiittaa mirgaa fi ajjechaa Oromiyaa keessatti raawwachaa jiru morman.

Odeeffannoon adda addaa akka ibseti , Naannoo Oromiyaa Harargee bahaa Magaalaa Awwaday fi Godina Arsiitti xumura kabaja ayyaana Sanaa booda ummanni Mormii Mootummaa irratti qabu ibsateera.
Arsii Lixaa magaalaa Asaasaatti poolisoota fi qondaaltoota Mootummaa to’anaaf dhufan ofirraa ari’uun kan kabajatan yemmuu ta’u, Magaalaa Doddolaattis ummanni qaama biraa hin barbaannuu jechuun ofiif wardiyaa waliif dhaabbaate kabajatee jira.
Ummanni Magaalaa Kofalees sirna sagada sooma hiika booda hiriira gageessaniin ajjechaa fi reebichi ummata Oromo irratti raawwatu akka dhaabbachuu qabu gaafataniiru.
Torbe darbe jala bultii ayyaana Sooma hiiika kana irratti biyyoota akka Saud Arabiyaa, Iraq fi Baangeeladesh keessatti dhohiinsi raawwate kan ummata rifachiise yoo ta’es, Siiriyaa keessatti ayyana kana sababeeffachuun saatii 72 f lolli akka dhaabbattu waan waliigalameef musliimonni biyyattii nagaan ayyaana kabajatanii oolun isaani bekameera.