Hogganaan Paartii Kongirasii Federalaawa Oromoo Dr Maraaraa Guddinaa Mootummaa Itoophiyaa Komishiinii Mirga Namoomaa Afriikaa irratti himataniiru

Komishiinii Mirgaa Namoomaa Afriikaa dhiittaa mirga namaamaa Itoophiyaa keessa jiru balaleeffachuun yeroo adda addaa ibsaa baasaa waan turef, Mootummaa Itoophiyaa komishiniichaa irratti himachuun barbaachisa akka ta’e ibsuun isaanii gabasameeraa.
Komishiiniin Mirga Namoomaa Afriikaa kun dhaabbilee Addunyaa biroo caalaa dhaga’iimsa foyya’aa waan qabuuf akka ta’e,Hogganaan Dhaabbata Mirgaa Namoomaa fi Guddina Dimokirasii Itoophiyaa fi ogeessi Abukaatoo Doktoor Abadiir Ibrahiim beeksisaniiru
Dhaabbanni kun Dr Maraaraa Guddinaa bakka bu’uun dhimmoota sadi irratti Xiyyeeffachun mootummaa Itoophiyaa Komishiinii Mirgaa Namoomaa Afriikaatti akka himate Dr Abadiir dubbataniiru
Labsiin yeroo hatattamaa Dr Maraaraa Guddinaa akka himatamaniif ka’uumsa ta’e waliigalteewwan Addunyaa biyyaattin maallaatesite fi Heeraa Mootummaa kan diiguu waan ta’eef raawwiisaa akka mormaan himaniiru.
Mormii Ummata Oromoo, Amaaraa fi Ummattoota kibbaa wajjiin walqabatee tarkaniiffii ajjeechaa loltoonni mootummaa raawwatan qaama bilisaan akka qulqulleeffamu komishiniichi akka tumsu gaafatameera.
Dr Maraaraa Guddinaa erga hidhamanii booda haali qabiinsa mirga namoomaa isaanii sirrii waan hin taaneef Komishiiniin Mirga Namoomaa Afriikaa xiyyeeffanna akka kennuuf gaafachuusanii Dr Abadiir ESATti himaniiru
Sirna haqaa Itoophiyaa sakkata’uun rakkoo jiru ifatti mul’isuuf waan gargaaruf dhaabbatich dhimmoota kana irratti xiyyeeffachuun himaannaa akka dhiyeesse dubbataniir
Komishiniin Mirga Namoomaa Afriikaa akka lakkofsa warra faranjootaa bara 1987 chartaarii Afriikaatiin magaala Finfinneetti akka hundeeffame ni yaadatama.
Komishiniichi dhiittaa mirga namoomaa Itoophiyaa keessatti raawwatamu baleleffachuun yeroo adda addaa ibsa baasaa tureera.
Keessattu mormii ummata Oromoo fi Amaaraa akkasumas kibbaa wajjiin walqabatee ajjeechaa loltoonni mootummaan raawwatan qaama bilisaan akka qulquleeffamu gaafacha ture jira
Lammiileen biyyaatti Dhaabbata Dr Maraaraa Guddinaa bakka bu’uun mootummaa Itoophiyaa Komishiinii mirga namoomaa Afriikaa irratti himaatu kana maallaqaan akka deeggaru Dr Abadiir gaafataniiru.