Gargaarsa Maallaqaa yeroo hatattaama dhaabbanni mootummoota gamtoomanii Ummataa naannoo Sumaalee balaa hoongeetiif saaxilamaniif ramadee

Naannoo Sumaaleetti Jirattoonni Godinaalee sagalaan keessa jiraatan balaan hoongee cimaaf saaxilamaa akka jiran dhaabbannii mootummoota gamtoomaanii beeksiiseera
Dhaabbaatich bajeeta garagaarsa yeroo hatattaamaaf qabate keessa dolaariin miiliyoona 18 balaa hongee naannoo Sumaalee muuddatee kana damdamachuuf akka oolu ramadusa beeksiiseera
Garagaarsi maallaqaa kun erga ramadamee booda mootummaan Itoophiyaa midhaan nyaataa meetrik toonii kuma 100 fi kuma 41 kuusaa midhaanii of-eeggannoo keessa gara naannichaatti geejjibsiisaa akka jiru miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru
Jirattoonni naannichaa mootummaan gargaarsa midhaan nyaata hatattaamaan akka isaaniif dhiyeessuu gaafachaa akka turan ni yaadatama.
Gargaarsi midhaan nyaata kun waan harkifateef lubbuu nama irra balaan akka hin geenyee sodaan akka ture qamooleen gara garaa hima jiru.
Naannoo Sumaaleetti gargaarsa midhaan nyaataa dhiyeessuun ergama lubbuu baraaruu akka ta’e dhaabbatich beeksiiseera.
Ammaan booda dhiyeessi gargaarsa midhaan nyaataa harkifachuun lubbuun namaa akka darbuuf sababa ta’u akka danda’u dhaabbatichaatti kutaa qindeessaa Gargaarsaa beeksiiseera.
Beelladoonni Horsiisee bultoota balaa hoongee kanan akka hin duuneef jecha Yunivarsitootaa fi dhaabbilee biroo nyaataaf akka itti fayyadaman hojjatamaa akka jiru Dhaabbanni Mootummoota Gamtomaanii gabaasa balaa hoongee kana ilaalchiisuun baaseen beeksiiseera