Gamtaan Awuroppaa fi Afriikaa Mootummonni biyyoota Afriikaa mirgaa gazeexxestoota eeguu akka qaban gaafatan

Gamtaan Awuroppaa fi Afriikaa mootummonni biyyoota Afriikaa mirgaa Gazeexxesummaa eeguu fi yakkaa hojii gazeexxesummaa irratti raawwatamu qorachuu furuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru
Bakka bu’oonni Gamtaawwaan Ardiiwwaan laman ibsaa wal wajjiin magaalaa Finfinneetti kennan kanaani Mootummoonni Biyyoota Afriikaa mirgaa gazeexxestoota eeguun itti- gaafatamummaa isaanii bahuu, seeraa qaamni yakkaa ogeessota midiiyaa irraatti raawwatee ittin gaafatamu cimaa qopheessuu fi seeroota sadarkaa addunyaa fi ardiitti mirgaa gazexxestoota kabachisuuf bahaaniif gutumaatti abboomuu akka qaban gaafateera.
Mootummoonni biyyoota yakkaa gazeexxestoota irratti raawwatamu kara bu’aa qabeessa ta’een qorachuun qaamni mootummaas ta’ee kan biroo yakka raawwatee seeraatti dhiyaachuu isaa mirkaneessuun mirgaa gazeexestoota kabachisuu akka qaban bakka bu’oonni gamtaawwan laman ibsaa wal wajjiin kennaniin gaafataniiru.
Akka ibsaa kanatti gochii gazeexxestoota ajjeesuu, daraaruu akkuma itii fufeetti kan jiru yoo ta’u, kun immoo gazeexestoonni mirgaa gazexxesummaa fi ogummaa karaa Eyyamuun hojii isaanii akka hin hojjanneef gufuu ta’eera. kana malees mirgaa yaada ofii karaa bilisa ta’een ibsachuu seeraan ta’ee jiru kan cabsuudha.
Yeroo ammaa Itoophiyaa keessatti gaazexestoonni baay’een yaada isaanii ifaatti waan ibsataniif manneen hidhaa biyyaatti keessatti hidhamanii dararamaa jiru. Itoophiyaanis addunyaa irratti biyyoota gaazexestoota fi ogeessota toora interneetii irraatti bareessan hidhuun beekaman keessa adda durummaa irra akka jirtu dhaabbanni sadarkaa addunyaati mirgaa gazeexxestootaaf falmu “Commite to Protect Journalism” Yookan CPJ jedhamu beeksiisuun isaa ni yaadatama.