Deeggarsi Lammiilee Oromoo naannoo Sumaalee irra buqqa’aniif taasifamu itti fufeera.

Deeggarsi maallaqaa fi akaakuu lammiilee Oromoo naannoo Sumaaleeti qe’ee fi qabeenya isaanii irra buqqa’aaniif taasifamu bifa gara garaan cimee itti fufeera.
Akkuma Kanaan Artistoonni fi Atiletoonni Oromoo Koree hundeessanii socha’aa akka jiran dhaga’ameera.
Koree kanas gama Artistootaan Artiistii Alii Birraa, Qamaar Yusuuf fi Taaddalaa Gammachuu kan bakka bu’uun qindeessa jiru yoo ta’u, Gama Atiletootan immoo Atileet Ibrahiim Jayilaan, Atileet Darartuu Tulluu fi Marqoos Gannatee bakka bu’uun deeggarsa akka qindeessan himameera.
Koree Artistoota fi Atiletoota jaalatamoo Oromoo kun magaala Oromiyaa filatame tokko keessatti agarsiisa Sirbaa fi waldorgomii Fiigicha daandiirra qopheessun galii walitti qabuuf akka karoorfate himameera.
Lammiilee Oromoo shira addaa xaxameen qa’ee ,lafaa fi qabeenya isaanirra buqqa’aan deebisanii dhaabuu fi gargaarun dirqama lammmaa akka ta’e miseensoonni koree kana himaniiru
Koreen Atiletoota fi Artistoota Oromoo Jal-bultii kabaja Ayyaana Irreechaatti Galma gidduu Gala Aadaa Oromootti sagantaa galii walitti qabuu akka qopheesse beekameera.
Atiletoonni fi Artistoonni Oromoo hundi lammiilee qe’ee isaanirra buqqa’aaniif sagantaa galii walitti qabuuf qopha’ee kanarratti argamun dirqama lamummaa akka bahan koreen kun waamicha dhiyeesseera.
Oduu walfakkatuun, Bulchiinsi magaalaa Finfinnee lammilee qe’ee isaaniirraa buqa’an deebsanii dhaabuuf deeggarsa Birrii miiliyoona 10 akka gumaache himameera.