Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Laftootti duula mana seeraan ala jedhaman diiguu Mootummaan fudhatameen namoonni 200 ol ta’an akka hidhaman beekame.

Jiraattonni Magaalaa Finfineen akka himanitti, manneen jireenyaa isaannii akeekachiisaa tokko malee akka diigamaa jiru fi humnoonni nageenya magaalattii ummmata walitti qabee tumuu fi hidhaa akka turan miidiyaaleef himaniiru.
Hidhatoonii mootummaa Namoota Poolisoota lama fi bulchiinsa kutaa magaalaatti ajjeessaniiru jedhamanii shakkaman barbaaduuf yemmuu socho’anitti namoota dhimmicha waliin hidhata hin qabne dararaa akka turan jiraartoota wabeeffachuun miidiyaaleen dhuunfaa biyyatti gabaasaniiru.
Bulchiinsi Magalaa Finfinnee gama isaatiin, manneen jireenya kutaa magaalaattii keessatti ijaaraman keessaa kumni 30 seeraan ala akka ijaaraman beeksisuun, duulli manneen kana diiguu ammas a cimee akka itti fufu beeksiseera.
Walitti bu’iinsa ummata fi humnoota nageenya giddutti gaheen hanga ammatti namoonni 6 kan ajjeeffaman yemmuu ta’u, isaan keessa lama miseensoota poolisii ti.
Akkka miidiyaaleen biyyatti gabaasa jiranitti, duula mana diiguu fi dura dhaabbanaa ummata keesssatti walitti bu’iinsa umameen poolisoota 40 caalan irratti tarkaanfii reebichaa fudhatameen hospitaalaa seenanii yaalama akka jiran hubachuun danda’ameera.
Karaa biraatin guyyaa dheengadhaa yuniversitii Amboo keessaati walti bu’eensaa polisoota federaalaa giduuti umameen poolisoonii lama du’uun isaani midiyaalee hawasa irratii gabasamaa jiraachuun isaa beekameeraa.
Bulchiinsi Magaala Finfinnee manneen jireenyaa seeraan ala ijaaraman ittiin jedhu gara fuula duraas sakkata’ee akka diiguuf jiru beeksisaa jira.