Bara mootummaa Dargii Ministirri Muummee Itoophiyaa duraanii Obboo Tafaayee Dinqaa Du’aan

Obboo Tasfaayee Dinqaa Bara Mootummaa Dargii sadarkaa Hoggansaa olaannoo adda adda fi Ministrirraa Muummee ta’uun tajaajila turaniiru. Obbo Tasfaayee Diinqaa kan du’aan kooluugaltummaan biyyaa jiraatan Amerikaatti akka ta’ee beekameera.
ObbooTasfaayee Dinqaa waggoota 77 dura naannoo magaalaa Ambootti dhalataan. Barnoota isaanii sadarkaa 2ffaa magaalaa Finfinnee Jeneraal Wingeetiitti hordofaniiru. Obboo Tasfaayeen Digrii isaanii jalqabaa Biyyaa Libanoon magaalaa Beeruut Yuunivarsiitii Amerikaa jedhamurraa wayita argatan digrii lammaaffaa gosa barnoota Bulchiinsa Ummataa fi Injinariiniigitiin biyyaa Amerikaa magaala Niyoorkii Yunvarsiitii Sirakiisii jedhamu argataniiru
obboo Tasfaayee konfiraansii marii araaraa ADWUI, ABO fi Shaabiiyaa wajjiin caamsaa 19, 1983 magaala Londanitti qopha’ee irratti garee Mootummaa Dargii kan hogganaan turan. Adeemsa marii araaraa kana mormuun ibsa kennuun isaanii ni yaadatama
Obboo Tasfaayee Dinqaa waggoota 25 darban biyyaa Amerikaatti baqatanii jiraachaa turan. Baankii Addunyaa fi dhaabbilee addunyaa gurguddoo keessatti tajaajila akka turan seenaa jireenya isaan irra hubachuun danda’ameera.
obboo tasfaayee kan du’aan bakka jireenya isaanii Amerikaa Varjiniiyaa yoo ta’u, sirni awalchaa isaaniis muddee 1 ,2009 biyyaa Amerikaatti akka raawwatamu beekameera.
obbo Tasfaayee kitabaa mata duree ‘Itoophiyaa Bara Waggoota Dargii’ kan jedhuu bareessan wayita maxxansii xumurameetti akka du’aan addunyaa kanarra boqatan hubatameera.
Kitabaan isaan bareessan kun ji’a dhufu ummata biraa akka gahuu hojii gaggeessaan mana maxxansaa Tsahaay Pabliishaar obbo Eliyaas Wandimuu himaniiru
Kitaabni isaan barreessan kun bara mootummaa Dargii jalqabaa hanga dhumaatti akkasumas marii araaraa magaalaa Londoon dabalatee haala walii galaa yeroosanii kan ibsu jedhameera. Kitabichiis fuula 330 qabu beekuun danda’ameera.