Baqattoonni Dhibbootaan Lakkaawaman Garba Meditraaniyaan Keessatti Dhuman

Baqattoonni biyyoota Gaafa Afrikaa dhibbootaan lakkaawaman, gara Awurooppaatti osoo bahara bishaan Meditraniyaan gubbaan doniin deemaa jiranii galaana Meditiraaniyaan gama Bahaa keessatti dhumuu isaanii barame.
Kanneen balaa kana irraa hafanii fi namoonni ijaan arggan akka himanitti dooniin galaanaanni fuudhe tun gara baqattoota dhibba shanii fe’attee akka deemaa turte ibsaniiru.
Baqattoonni kuni guyyaa jimaataa Ebla 8 bara 2016 tti magaalaa kaayroorraa gara biyya awrooppaa akka deeman namoonni magaalaa Kaayroo jiraaatan miidiyaalee gara garaatiif ibsaati jiran.
Baqattoota garba meditraniyaan keeysatti dhuman 400 oli keessaa harki caalu lammiilee Itooophiyaa dhaloota Oromoo yoggaa tahu lammiileen Somaalee fii Ertiraatiis akka keessa jiran barameera.
Mootummaan Somaalee dhuminsa lammiilee isaanii kana gadda cimaan midiyaalee somaalee gara garaa irratti ibsaati jiran. Keessattuu Ambaasaaddarri Soomalee kan Kaayroo jiru gadda cimaa keessa akka jiran himameera.
Karaa Biyya Itoophiyaa fii Ertiraatiin hanga ammaa ibsi haala kana irratti gara mootummaatiin kenname hin jiru.
Baqattoonni oromoo kun dargaggoota sababaa mormii Mastar Pilaaniitiin biyyarraa baqatanii magaalaa Kaayroo erga dhufan haala tajaajila UNHCR irraa abdii dhabuun garaa jabeenyaan gara Awrooppaa qaxxaamuruuf deemaa turan tahuu oduun Kaayroo irraa nu qaqqabde ibsiteera.
Baqattoonni Oromoo kuni bakkeen dhaloota isaanii irra caalaan Oromiyaa Godinaa Baale, Harargee, Dirree dhawaa irraa akka tahan barameera.
Baqattoota dhuman keessaa kan maatii tokko keessaa namni afur dooni kombolte tana irra waliin turees akka jiran ni himama. Jolleen daa’imni ji’a 9 tiis haadhaa fi abbaa wajjiin akka turan barameera.
Dooniin nama 500 niin deemtu gara tokkotti jallattee komboluun namoota lakkoofsa xiqqoo bahe malee namoonni 400 oli galaafatamaniiru.
Baqattoonni biyya Kaayrootti hafan ammaa booda akka baqataan dooniin garba hin ceene walmarihachaa akka jiran odeeyfannoo nu dhaqqabe jira.