Ayyaana Qillee Itoophiyaa ilaalchisuun Abbootiin Amantiilee gara garaa ergaa baga ittiin isin gahe jedhu dabarsan.

Abbootin Amantii Bataskaana Warra Ortodoksii Tawahiidoo,Bataskaana Warra Kaatolikii , Bataskaana Warra Waldaa Wangeelaa fi Bataskaana Warra Makaana Iyyeesuusii Itoophiyaa hordoftoonni amantichaa ayyanicha wayita kabajan namoota rakkatanii fi dhukkubsatan gaafachuu fi gargaaruun ta’uu akka qabu ergaa dabarsaniiru.
Magaalaa Finfinneetti sirni kabaja ayyaanichaa jala bultii irraa jalqabee sirna amantiin haala miidhagaa ta’een kabajama jira.
Hordoftoonni amantiilee baay’een gara bataskanotaa deemuun ayyaanicha kabajaa akka jiran odeeffannoon biyyaa keessaa arganne ni mul’isa
Guyyaa Dhaloota Iyyasuus Kiristoos ilaalchisuun ergaa kan dabarsan abbootin amantaa ,nageenya itti fufiinsaa fi tokkummaa mirkaneessuf xiyyeeffannaan kennamuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.
Lammiileen Itoophiyaa Amerikaa fi Biyyoota alaa gara garaa keessa jiranis ayyaana qillee haala ho’aadhaan kabajaa jiru.
Itoophiyaa dabalatee hordoftoonni amantii Ortodokisii biyyoota garagaraa miliyoona 300 ta’an ayyaana qillee sirnoota amantii adda addaan akka kabajaan gaazexaan Niiwus Piirees jedhamu gabaaseera.
Raashiyaa, Giriikii fi hordoftoonni biyyoota Awurrooppaa keessa jirataan jala bultii guyyaa ayyaanichaa irraa jalqabee haala ho’aan kabajaa jiru .
Hordoftoonni amantii Ortodokisii Ijiptiis bifuma walfakkatuun ayyaanicha kabajaa akka jiran beekameera.
Biyyoonni lakkoofsa bara warra Awurooppaa hordofan ayyaana qillee torban tokkoon dura kabajaniiru.
Oduu biroon immoo Itoophiyaa keessatti gatiin meeshaalee barbaachiisaa ta’anii waan dabaleef kabaja sirna ayyaana Qillee irratti miidhaa akka fide jiraattonni himaniiru.
Torbee darbee jalqabee hanqinni dhiyeessi sukkaraa fi Zayiitii biyyatti keessatti mul’atee ture wayita ayyaana qillee kanas furamuu akka hin dandeenye jirattonni dubbataniiru.