Artistoonni Oromoo Tokkummaan amma argame kun cimee akka itti fufuuf gahee isaanii akka gumaachan gaafataman.

Artistoonni Oromoo haala yeroo biyyaatti ilaalchisuun Pirezedaantii Bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa Obboo Lammaa Magarsaa fi qondaltoota naanniicha biroo wajjiin mari’atan.
Artiistin Oromoo hawaasa kakasuu , dadammaqsuu tokkummaan ummata Oromoo yeroo ammaa qabsoon argame cimee akka itti fufu gochun gahee isaanii akka gumaachan gaafatamaniiru
Arstistoonni qabsoon ummanni Oromoo jalqabe karaa sirrii,waldhageeffachuu fi walgorfachuun akkasumas tokkuummaan argame kun gara dubaatti akka hin deebine hojjachuu akka qaban gaafatamaniiru.
Qabsoo tokkummaa fi walqixummaa ummanni oromoo yeroo amma qabsa’aaf jiru sabaa fi sablamoonni biyyaatti ijaa shakkiin akka hin ilaalle gaheen artistoota murteessadha jedhameera.
Ummanni Oromoo ofiif farda isaas dhaamasee Aduwaa bilisoomse deebi’ee malee ofii akka itti hin faarfamne Artis Hacaaluu Hundeessaa marii kana irratti dubbateera.
Warraa Aduwaa ka’aaniis Finfinneen gahee keessaa bahe malee ummaanni Oromoo aangoo hin qabane jechun Artist Hacaaluun xiiqiidhan dubbateera.
Artist Taaddalaa Gammachuu gamasatiin, “Yoo Qootiyyoon sii Jalaa Badee, Namnii Qootiyyoo Kee Haate Yoo Sii Waliin Barbaade Qootiyyoo Kee Hin Argattu, Jedha Abbaan Koo” jechun shira yeroo ammaa qabsoo Oromoo gufachiisuf xaxama jiru ibseera.
Artiistonni Oromoo hangafoonni fi dargaggoonni marii kana irratti hirmaatan gaheee lamummaa isaanii gama hundaanuu bahuuf qophii ta’uusannii marii kana irratti mirkaneessanaiiru.
Artiistoonni Oromoo buleeyyiin goota akka ta’aniif gootonni Oromoo Ofii isaaniitiin goota ta’anii bahan malee hawaasni keenya goota uumaa hin turre jechun Pirezidaantii naanniicha Obbo Lammaa Magarsaa himaniiru
Artistoonni Oromoo lammiilee isaanii naannoo Sumaaleeti buqqa’aniif deeggarsa gumaacha akka turan kan yaadatamudha.
Ammas magaala finfinnee dabalatee magaloota oromiyaa biroo filataman keessatti konsartii sirbaa qopheessun lammiilee naannoo Sumaaleeti buqqa’aaniif galii walitti qabuuf akka karoorfatan ni beekama.