Ameerikaatti Gareen mana maree dhimma mootummootaa fi dhaabbilee Addunyaa Atilaantik kaawunsiil for Afrikaa jedhamu hagaayya 31/2016 washngton DC tti

Ameerikaatti Gareen mana maree dhimma mootummootaa fi dhaabbilee Addunyaa Atilaantik kaawunsiil for Afrikaa jedhamu hagaayya 31/2016 washngton DC tti dura taa’aa Koongirasii federaalawaa Oromoo Dr Mararaa Guddinaa fi dura taa’aa samaayaawii paartii Injinar Yiliqaal Geetinnat waliin ,marii bal’aa taasiseera.
Marii kanarrattis hooggantoota paartilee siyaasaa kanneen dabalatee hayyoonni fi namoonni adda addaa lammiilee Itoophiyaa ta’an hirmaataniiru.
Hooggantoonni paartilee siyaasaa fi namoonni maricha irratti hirmaatan kunniinis rakkoo xaxama siyaasaa yaachisaa ta’e Itoophiyaa keessatti uumamaa jiruun wal qabatee gaaffii mirgaa lammiilee ukkaamsee gochaa gara jabeenyaa raawwachaa kan jiruu mootummaa Itoophiyaa ilaalchisee,dhiitama mirga namummaa mootummaan abbaa irree kun taasisaa jiru bal’inaan ibsaniiru.
Itoophiyaa keessatti cunqurfama mirga namummaa fi dimokraasii ilaalchisee rakkoon jiraachuusaa fi miidiyaan walabaa akkasumas mirgi paartilee mormitootaa kabajamaa akka hin jirre mootummaan Ameerikaa hubannoo guutuu akka qabu bakka buutonni mootummaa Ameerikaa maricharratti hirmaatan ibsani jiru.
Qaamolee garee kaawunsil for Afrikaa Kana waliin mootummaa Ameerikaa bakka bu’uun hirmaatan keessaa:mootummaa Ameerikaatti gorsitoota dhimmi alaa Ameerikaa,gorsitoota humna tikaa Peentaagon,Bakka buutota state department fi gorsaa ol’aanaan dhimmi nageenyaa piresdaanti Baaraak Obaamaa maricharratti kan hirmaatan yoo ta’u hayyoonni siyaasaa Ameerikaa kanneen biroos argamaniiru.
Kanaan dura maqaan isaanii ka’uun kan beekkamu Ambaasaaddar Deeviid shin,Haarmaan kohn fi qorataa sababaa fi adeemsa walitti bu’iinsaa (conflict analysis and resolution expert) kan ta’an Teerrensi Liyoonis akkasumas yeroodhaaf maqaan isaanii akka himamu kan hin barbaanne dippiloomaatonni hedduun hirmaataniiru.
Ameerikaan faayedaa humna hidhannoo ykn loltummaa fi adeemsaa isaa Itoophiyaa waliin qabdu akkuma jirutti eegsisuudhan akkamitti mootummaa cehumsaa (caretaker Government) ijaaruuf yaaduun akka danda’ame akkasumas haala kamiin gara fuulduraatti Aangoo karaa nagaa fi Dimookraatawaa ta’een wal harkaa fuudhuun Itoophiyaa keessatti of duraaf haala kamiin akka danda’amu dhimma ijoo marii kanaa akka ta’e maddoota oduu keenyaa irraa hubachuun danda’ameeraa.
Yaada maricha kana irraa argames manni marichaa fulbaana 20 koongirasii Ameerikaatif akka dhiyeessuu barbaadu beeksiseera.
Wulumaa galatti yaadaa fi dhimmota ijoo maricha kana irratti adeemsifamanii fi marichi walii galtee akkamiitin akka xumurame dura taa’aa Koongirasii federaalawaa Oromoo DR mararaa Guddinaa akkas jechuun ibsu;