Abbootiin Qabeenyaa Konkolattoota Shukkaraa fe’aanii Daangaa Itoophiyaa fi Keeniyaa irra dhaabbatanii jiran rakkoof saaxilamne jedhan

Mootummaan Itooophiyaa Shukkara Kuntaala kuma heddu yeroo jalqabaaf gara Keeniyaatti akka erge odeessa turuun kan yaadatamudha.
Konkolattoonni 100 ol shukkaraa kuntaala kuma heddu warshaa Shukkaraa Wanjii irra fe’uun gara Keeniyaatti imala jalqaban bakka yaadan magaala Naayroobii osoo hin geenye daangaa biyyoota lamaniirra ji’oota lamaa oliif dhabbachuuf dirqamaniiru
Konkolattoonni 110 ol tokkon tokkoon isaanii shukkaara kuntaala dhibba Afur fe’an rakkoo mootummaa Keeniyaa fi Kaampaanii Shukkaraa mootummaa Itoophiyaa irra bitee gara Keeniyaatti ergu giduuttu mudateen daangaa irra dhaabbacha jiru.
Shukkaarri Kuntaala baay’een konkolattoonni kunniin fe’an yeroon bakka barbaadamu waan hin geenyeef manca’aa akka jiru himameera
Konkolattoonni fe’uumsaa maallaqa liqii baankii irra argameen bitaman hojii malee ji’oota lamaaf dhaabbatanii waan jiraniif rakkoof akka saaxilaman Abootiin qabeenyaa beeksisaniiru.
Konkolattoota kanniin Maallaqa liqii baankii irra argameen waan bitamaniif yeroo ammaa maallaqa baankiif kaffalan akka hin qabnees himaniiru.
Dhimmicha ilaalchisuun Ministiira Muummee obboo Hayilamariyaam Dassaleeny dubbisuuf yaalaaniis akka hin milkoofneef Abbootiin qabeenyaa himaniiru
Mootummaan Itoophiyaa jijjiirama qilleensaa wajjiin walqabatee hanqinni Oomisha Shukkaara akka jiru hima tun kan yaadatamudha
Waldaan Konkolattoota fe’uumsa daangaa qaxxamuranii Biraayiit jedhamu akkaata waliigalteerra gaheen konkolattoota 110nin shukkaara kuntaala kuma 44 warshaa Shukkara Wanjiiti gara magaala Naayroobii geejjebsiisuuf ture
Imala isaanii itti fiufun wayita daangaa Itoophiyaa fi Keeniyaa irra gahan Shukkaarri qaraxa malee akka galu eyyamame ture akka dhoorakamee himameera.
Mootummaan Keeniyaa gamasatiin, daandiin biyyaatti konkolattoota Shukkaara kuntaala 44 fe’aan keessiummeessuu waan hin dandeenyeef fe’aan irra jiru hir’achu akka qabu sababa dhiyeesseera
Konkolattoonni 110 Shukkaara fe’aan wajjiin daangaa Itoophiyaa fi Keeniyaa irra daandii cufun dhaabbachuu erga jalqabanii ji’oota lakkofsisaniiru.
Dhimmichi haala salphaan furmaata kan argatu waan hin taaneef konkolattoonni kunniin Shukkaara fe’aan wajjiin gara Warshaa Shukkaara Wanjiitti deebi’uuu ni malu jedhameera