Abbootiin Qabeenya biyyaa alaa kan Itoophiyaa wajjiin walqixa liqii akka argataniif imaammanni liqii akka irra deebi’ee sirreeffamuu himameera

Boordiin Invastmantii Minsitira muummeettin hogganamuu murtii dhiyeenya kana baankiin misoomaa Itoophiyaa murtessee diiguun dureeyyoonni invastimantii Abaaboo, kuduraa fi mudura irraatti bobba’an dureeyyota biyyaa keessa wajjiin walqixa liqii akka aragatniif murteessuusa miidiyaaleen biyyaa keessa gabasaniiru
Qajeelfamin baankiin misoomaa Itoophiyaa duraanii abbooti qabeenya biyyaa alaa hojii invastimantii irratti bobba’uuf barbaadan baasii inavastimantichaa dhibbentaa 50 akka ofi danda’an kan murteessuu turee.
Qajeelfamni mootummaan bifa haaraa qopheesse kun abbootiin qabeenya biyyaa alaa hojii invastmantii irratti akka hin bobbaneef guufu itti ta’eera jedhame
Abbootin qabeenya biyyaa alaa Itoophiyaa keessatti damee Abaaboo, kuduraa fi mudura irratti bobba’uu barbadan baasii invastimantichaa dhibbenta 25 of danda’anii dhibbenta 75 immoo mootummaa irra liiqeffachuu akka danda’an wajjirri ministira muummee murteesseera.
Baankiin Misooma Itoophiyaa kampaaniiwwan fayeedaan addaa kennamaaf turee sharafa biyyaa alaa hanga barbaadamu argamsiisuu hin dandeenye jechuun carraa addaa liqii argatan akka hafu murteesse
Bara darbee daladala alaa irra galii dolaarii biiliyoona 5 argachuuf karoorfamee keessa wadhakaa qofti akka argame ragaan ministeera daldala ni mul’isa
Galiin daladalaa biyyaatti argatu waan hir’ateef kuusaan sharafa biyyaa alaa baay’ee xiqqataa dhufeera. Kun immoo guddina diingdee biyyaatiif balaa gudda akka ta’ee ogeeyyonni diingdee tilmamaaniiru.
Baankiin misoomaa Addunyaa gama isaanii, galiin daldala alaa irra argamu waan xiqqteef diingdeen Itoophiyaa dhibbeentaa jaha qofan guddachuu danda’a jedheera.
Mootummaan Itoophiyaa garuu bara kan diingdeen biyyaatti dhibbentaa 12 guddata jechuun tilmaamaa baankii Addunyaa irraa fagaatee tilmaameera