Abbaan Alangaa Federaalaa namoota Ayyaana Irreecharratti jeequmsa kaasan ittiin jedhee himate.

Abbaan Alangaa Federaalaa namoota lama Ayyaana Irreechaa irratti jaarsolii harkaa maayikii humnaan fudhachuun jeequmsa kakaasuun namoota 55 akka du’aniif sababa ta’an ittiin jedhee himateera.
Abbaa Alangaa himatamaa 1ffaan Tufaa Malkaa kabaja ayyaana Irreechaarratti jaarsolii biyyaa harkaa maayikii humnaan fudhachuun jeequmsa uumuun, ayyaanichi karaa nagaan akka hin kabajamne taassiseera jechuun himateera.
Himatamaa 2ffaan Kadir Badhaasoo immoo jeequmsi akka jalqabuuf bilbilaan qindeessaa ture jechuun abbaan Alangaa mana murtii olaanoo Federaalaatti akka himate miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru.

Himatamtoonni lamaan kabaja ayyaana Irreechaa irratti lubbuun namoota 55nii akka darbuuf sababa waan ta’aniif yakka Shorkeessummaan akka himataman gabaafameera.

Mormii himatamtoonni dhiyeeffatan dhaggeeffachuuf Manni murtii Caamsaa 24,2009tti beellameera.
Ayyaana Irreechaa Sabni Oromoo Umurii fi saalaan osoo adda hin baasin aadaaa fi duudhaa isaa karaa nagaa itti kabajatu irratti tarkaanfii gara jabeenyaa loltoonni mootummaa fudhataniin lubbuun namoota dhibbootamaa darbeera.
Mootummaan lakkoofsi namoota kabaja ayyaanicha irratti du’anii 55 akka ta’e beeksisuun ni yaadatama.

Haa ta’u malee, ragaaleen jiran lakkoofsi namoota ajjeefamanii kan mootummaan jedhuu ol akka ta’e ni mul’isu..

Bakka kabaja ayyaanichaatti loltoonni mootummaa meeshaa waaraanaa hanga funyaaniitti hidhatan dursanii bakka qabachuun dhiiga lammiilee nagaa ayyaana kabajuuf manaa bahanii dhangalaasuun kan yaadatamuudha.

Namoota nagaa loltoota mootummaan ajjeefamaniif itti gaafatamuu kan qaban loltoota mootummaa fi ajajoota isaanii ta’ee osoo jiruu ragaa sobaan qindeeffameen namoonni nagaa himatamaa jiru.

Basaastonnii fi loltoonni Mootummaa Wayyaanee waggoottan 26n darban bakka namoonni baay’een itti walgahan irratti boombii darbachuu, qabeenya mancaasuu, fi namoota ajjeesuun ragaa sobaa qindeessaa turaniiru.

Ragaalee sobaa erga qindeeffatanii booda lammiilee nagaa yakka adda addaan himachuun kan baratame waan ta’eef himannaan ammaa kunis haaraa akka hin taane keessa beektonni himaniiru.