Yaa’iin Biyyaleessa hunda hirmaachise akka waamamu waldaan mirga namoomaa Itoophiyaa gaafate

Yaa’iin Humnoota bilisummaa meeshaa waarana hidhatan fi Paartiilee Siyaasa biyyaa keessa akkasumas dhaabbiilee Itoophiyaa hunda hirmaachise waamuun biyyaatti rakko keessa baasuu akka barbachiisu waldaan mirga namoomaa Itoophiyaa waamicha dhiyeesse
Waldichi gaabasa tibbaana baaseen tarkaniiffi ukkamsuu, ajjeechaa fi dhitta mirga namoomaa daangaa hin qabne saaxileera
Dhittaan mirga namoomaa Itoophiyaa keessatti raawwatamu yeroo gara yerootti dabalaa akka dhufe hogganaan waldaa mirgaa namoomaa Itoophiyaa obbo Yaareed Hayilamariyaam ESATti himaniiru
Lammiileen Itoophiyaa biyyaa keessa jiran ilaalacha qaban fi paartiilee siyaasa deeggaran ifatti dubbachuuf carraan qaban gutumaan gutuutti kan hin jirre ta’u obbo Yaareed himaniiru
Haalli Itoophiyaa keessa jiru namoota kabajamuu mirga namoomaaf falman , gaazexxestoota, hawaasa Siivikiif mijataa miti jedhan
Tasgabbiin Itoophiyaa keessa yeroo amma jiru sadarkaa yaadeessarra waan gaheef rakkoon kun too’annoon alaa ta’ee badii gudda osoo hin qaqqabsiine yaa’iin biyyaaleessa waamamu akka qabu waldichi gabaasa baaseen gaafateera
Yaa’iin humnoonni siyaasa Itoophiyaa hundi irratti hirmaatan hatattamaan akka waamamu gaafachun dhaabbilee addunyaa fi mootummaa waayyaanneef waamicha dhiyeessu isaanii obbo Yaareed beeksisaniiru
Waldaan Mirga namoomaa Itoophiyaa miseensoota yaa’ii mirga namoomaa Itoophiyaa duranii fi filannoo biyyaaleessa bara 1997 wajjiin walqabatee biyyaa baqataniin kan hundeeffame ta’uun beekameera