Walitti bu’iinsa Pooliisii Xaaliiyaanii fi baqqattoota Itoophiyaa tibbaana mudateen lammiin Itoophiyaa Miidhame hin jiru jechun namoota baay’ee dalansiseera.

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa walitti bu’iinsa tibbaana Pooliisii xaaliyaanii fi Baqqattoo Itoophiyaa gidduu tureen lammiileen biyyaatti miidhaaman akka hin jire ibsa baaseen beeksiseera.
Minsteeri dhimma Alaa Biyyaatti haala qabatama jiru osoo hin beekne lammiileen Itoopohiyaa miidhaan irra gahe hin jiran jechun ibsa baasuun lammiilee Itoophiyaa baay’ee dalansiseera.
Lammiileen Itoophiyaa Afur karaa nagaatiin gamoo gadi dhiisanaii wayita bahan bakkichatti argamun akka qulqulleeffate Xaaliyaaniitti Imbaasiin Itoophiyaa ragaa baheera.
Walitti bu’iinsa kanan baqqattoota biyyoota Afriikaa biroo malee lammiileen Itoophiyaa Sanadii imaltummaa qaban bakkicha akka hin jire Imbaasiin Itoophiyaa ragaa bahun dhugaa jiru wajjiin kan walitti hin dhufne ta’u himameera.
Dhimmicha ilaalchisuun ibsi mootummaa waayyaanneen kenname lammiilee Itoophiyaa miidhaan irra gaheef yaaduurra aantummaa mootummaa xaaliyaaniif qabu kan agarsisu jechun lammiileen Itoophiyaa mormaniiru.
Baqqattoonni Itoophiyaa fi Ertiraa kuma tokko ol magaala Roomitti gamoo keessa jiraatan keessaa pooliisii biyyaattin humnan akka bahan dirqamsifamaniiru
Tarkaniiffiin humnaa Pooliisiin Xaaliiyaanii baqqattoota biyyoota lamanii irratti fudhate kana hawaasni addunyaa balaleeffateera.
Lammiileen biyyoota lamanii gamoo keessa jiraatan keessa humnaan akka gadidhiisanii bahan erga taasifamanii booda daandii irra jiraachuuf dirqamaniiru.
Pooliisiin Xaaliyaanii daandii baqattoonni yeroof irra jiraachuu jalqabaniirra humnaan kaasuuf tarkaniiffii fudhateen namoonni baay’ee midhamaniiru.
Tarkaniiffii humnaa Pooliisiin biyyaatti fudhate kana lammiilee Itoophiyaa biyyaa keessaa fi ala tamsaasaa miidiyaalee addunyaa giurguddoon argan gaddisiseera.
Gochaa Dhaabbiileen Addunyaa kabajamuu mirga namoomaaf falaman hundi sagalee tokko balaleeffatan kana mootummaan Itoophiyaa lammiileen miidhaman hin jiran jechun aantummaa hangamii lammilee isaaf akka qabu kan mul’isu jedhameera.
Tarkaniiffiin mirga namoomaa lammiilee Itoopohiyaa sarbu wayita fudhatamu callisee ilaala kan ture mootummaan itoophiyaa ibsa baaseen kan miidhaman akka jire beeksisuun lammiilee Itoophiyaa dalansiseera.