Waldorgommiin Garee Kubbaa Miilaa Bulchiinsa Magaala Waldiyaa fi Walwaloo Istadiyeemii Finfinneetti taphatame wajjiin walqabatee waliitti bu’iinsi akka ture himame

Waldorgommiin garee Kubbaa Miilaa Bulchiinsa Magaala Waldiyaa fi Walwaloo Istadiyeemii Finfinneetti akka taphatamu kan murteeffameef walitti bu’iinsa deeggartoota naannoo lamaan hambsuf yaadame ture
Waldorgommiin garee kubbaa miilaa naannoo Tigraay fi Amaaraa gidduutti gaggeeffamu yeroo adda addaa walitti bu’iinsa kaaseera
Akkasumas ajjeecha yunivarsiitii Addigraat keessatti raawwatame ture dhaabbileen barnoota olaanoo 20 keessatti adeemsi baruu fi barsiisuu akka addaan citiuuf sababa ta’eera
Walitti bu’iinsi Dirree Ispoortii fi dhaabbilee barnoota olaanoo sabaarratti hunda’ee furmaata akka argatuuf abbootiin Amantii waamicha dhiyeessuun kan yaadatamudha
Waldorgommiin garee bulchiinsa magaala Bahaar-daarii fi Maqalee yeroo darbe dorgomam walitti bu’iinsa guddaa kan keessumeessun ni yaadatama
Akkasumas waldorgommiin garee bulchiinsa magaala Waldiyaa fi Walwaloos jeequmsa keessumeessuun qabeenyarratti badii guddaa qaqqabsiseera.
Federeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa walitti bu’iinsa dirree Ispoortii keessatti mul’atu kan hambsuuf jecha waldorgommiin garee lamanii Istedoyeemii Finfinneetti akka gaggeeffamu haaluma murteesseen osoo wal hin ijifane goolii malee walqixa bahaniiru
Waldorgoommii garee lamanii Istediyeemii Finfinneetti dorgomame kun akkuma xumurameen deeggartoonni walitti bu’usaanii gabaafameera
Walitti bu’iinsi garee laman Istediyeemii Finfinnee keessatti jalqabame istediyeemiin alattis itti fufusaa himameera
Walitti bu’ii nsa deeggartoota garee lamanii miseensoota Pooliisii dhimmicha tasgabeessuuf giddu seenaan wajjiiniis akka ture gabaafameera.
walitti bu’iinsa deeggartoota garee laman wajjiin walqabatee miidhaa gahe adda baafachun hin danda’amne