Wajjiira Muummee Pooliisii Federaalaatti Boombiin Argame sababa jedhun poolisoonni baay’een hidhaman

Wajjiira muummee poolisii Federaalaa kutaa qorannoo yakkaa keessatti boombiin argame sababa jedhuun pooliisonni saba Oromoo fi Amaaraa baay’een akka hidhaman.
Akka maddeen ragaalee himanitti, sababni boombiin argame jedhamu kun poolisoota saba lamanii hidhuuf itti yaaddamee poolisootaa fi basastoota saba Tigraayiin kan qindeeffamee. Kutaa qorannoo yakkaa keessa meeshaan waraanaa kamuu galuu hin danda’u jedhameera.
Gochi kun garuu poolisoota saba lamaanii sirna bulchiinsa mootummaa waayyaannee ni mormu jedhaman shakkaman yakkaan hidhuuf jedhan. Gochaa kanan poolisooni guyyaa sani eegumsa irra turan hidhamniiru.
Miseensoonni pooliisii Federaalaa mormii dhaaggechisaa akka turanii fi hojiis gadi dhiisaa akka turan ESAT gabaasee ture. Poolisoota saba Oromoo fi Amaaraa waggoota hedduuf kutaa qorannoo yakkaa keessa turan hojii irra ari’uun haaraa leenjisanii mindeessaa akka jiraniis beekameera.
Yeroo qorannoo dhimmaa himannaa saba Oromoo pooliisiin saba Amaaraa akka qoratu himannaa dhimma saba Amaaraa immoo poolisiin saba Oromoo akka qoratu gochuun pooliisi fi lammiilee saba lamaanii walitti buusuuf yaala akka turan maddeen ragaalee beeksiisaniiru