Waarraqsi Dimookraasummaa Ummattoota Kibba Ityoophiyaa Filannoo marsaa lammaffaan Obbo Shifarraaw Shugguxee dura taa’aammaan filateera

Koreen hojii raawwachiistuu Waarraqsa Dimokirasummaa Ummattoota Kibbaa Itoophiyaa ibsa adda addaa walfaalleesu baasaa turn obbo Shifarraaw Shugguxee duraa ta’aa obbo Siraaj Fageessaa immo itti-aanaa dura taa’aammaan filachun beeksiseera
Waarraqsichi kan dura obbo Siraaj Fageessaa dura taa’aa gochun akka filate toora Feesbuukii isaan beeksisee ture
Gochi filannoo dura taa’aa waarraqsichaa waliin dhahuu kun tasgabbiin siyaasa akka hin jire mul’isa jedhameera
Ragaaleen keessa bektootarra argame akka mul’isutti, filannoo obbo Shifarraaw Shigguxee fi Obbo Siraaj Fageessaa ilaalchisuun wajjiirri tikaa fi Raayyaan Ittisa biyyaa waliigaluu hin dandeenye
Ajajaan Humna waarana waliigalaa Jeneraal Samooraa Yanuus obbo Siraaj Fageessaa dura taa’aammaan akka filatamaniif dhiibbaa gocha turn ni himama
Filannoo kana dura obbo Siraaj Fageessaa dura taa’uummaan filataman jechun oduu toora feesbuukii waarraqsichan gabaafame kan marsa jalqabaatti ture jedhame sireeffameera