Sudaan Odolaashe Tarkiif kennu wajjiin walqabatee garagrummaan Ijipt wajjiin qabdu dabaleera

Sudaan akka lakkofsa warra faranjoota bara 1956 bilisa erga baatee asi Xayib Erdogaan Pirezedantii Tarkii biyyaatti daawwatan kan jalqaba ta’aniiru.
Pirezedaant Xayib erdogaan dawwaannaa isaaniiSudaan tibbaa darbee kanan waliigaltee adda addaa akka mallatteessan himameera.
Waliigaltee biyyoota lamanii kanan Sudaan Odolashee Su’aakiin jedhamtu yeroof Tarkiif kennuufwaliigaluun walitti dhufeenya Ijipti wajjiin qabdu gaaffii keessa galcheera
Tarkiin odola Sudaan kana turistootaf mijaatu gochuuf fudhate jedhamus miidiyaaleen Ijipti fi saawud-Arabiyaa garuu Tarkiin loltootashe odolaa kanarra qubachiisuuf jechun gabaasaniiru
Saawud-Arabiyaatti Imbaasiin Sudaan waliigalteen kun nageenya biyyoota Arabaa kan boreessu miti akka hin taane beeksiseera
Waliigaltee kana booda Ijipt loltootashee dhibbataman lakkawaman buufata Ajaja humna waarana Imiretoota Arbaa Gamtomanii Eritiraa keessa jirutti ergun daangaa Eritiraa fi sudaan irra qubachiiste jirti
Sudaan gamasheetiin, Ambasaddaarashe Ijipti jiru gara biyyaatti waamuun daangaa Eritiraa wajjiin ittin waldangeesitu cuftee jirti
Sudaan fi Ijipt mormitoota walii ni deeggaru jechun wal himachaa turaniiru.
Ammaa immoo fedhiin Tarkiin biyyoota gaanfa Arfiikaarra qabdu dabalaa dhufuun shakkiin biyyoota lamaanii itti hammeessuusa himameera.
Tarkiin fonqocha Pirezedaant Ijipt duraanii Mahammad Mursii irratti raawwatame ifatti waan balaleeffateef walitti dhufeenyi Bulchiinsa pirezedaant Abdul Fattaa Al-siisii wajjiin qabdu gaarii akka hin taane himama.