Sirnii bittaa Itoophiyaa Adda Bilisa Baasaa Tigraayiin hogganamu labsii yeroo hatattamaa labse yoo kaasee mormiin Ummataa irra deebiin jalqabuu ni mala jechun sodaa keessa akka jiru himameera

Mootummaan Itoophiyaa gaaffii mirgaa ummanni biyyaatti yeroo adda addaa karaa nagaan gaafataniif deebii kennu irra tarkaniiffii humnaan ukkamsuu fudhachuu itti fufeera.
Mootummaan Waayyaannee sagalee Ummataa humna Agaaziin ukkamsaa ture irra caalaa cimsuuf labsii yeroo hatattamaa akka labse ni beekama.
Akka qondaltoonni mootummaa jedhan Labsiin yeroo hatattamaa kun nagaa akka hin fidne ragaaleen mul’isaniiru.
Labsiin yeroo hatattamaa diinagdee biyyaatti akka malee kan miidhe yoo ta’u, madda maallaqaa qondalatoota waayyaannee gogisaa akka jiru himameera
Labsiin yeroo hatattamaa naannoolee tokko tokkoo keessatti nageenya waan buuseef osoo ka’ee rakkoo akka hin qabne hoggantoonni Biiroolee Bulchiinsa fi Nageenya Oromiyaa fi Amaaraa beeksisuu isaanii Gaazexxaan Mootummaa Addis Zaman gabaase ture.
Gabaasni Gaazexxaa mootummaa kun sobaa akka ta’ee fi mormiin ummataa ammaas itti fufe akka jiru ragaaleen oduu ”ESAT”tti imaniiru
Keessatti Labsii tilmaama Galii Gibira Guyyaa mootummaan waayyaannee tibbaana labse wajjiin walqabatee naannoolee hunda keessatti mormiin bifa haaraan jalqabeera.
Gaafa Guyyaa kamisaa giddugalaa gaaffii mirgaa Ummata Oromoo ta’uun kan beekamtu magaalaa Ambootti ummanni kaffaltii Gibiraa Galii guyyaa humnaa olii mootummaan waayyaannee daldaltoota irratti fe’e mormaa oleera.
Sababa mormii jirattoota magaalaa Amboo kanan Konkolattoonni Finfinnee gara Wallaaggaa akkasumas Wallaaggaa gara Finfinnee imalan bakka jiranitti dhaabbachuuf dirqamaniiru.
Bankoonni,wajjiiraaleen Motummaa fi Manneen daldalaa hundi kan cufamaniiru.
Konkolattoota mootummaa irra balaan akka gahees ragaaleen Amboo nu gahaan ni mul’isu.
Humni Agaazii waayyaannee ummata irratti dhukasuu kan jalqabe ta’us, hanga gibiri galii guyyaa ummata irratti fe’ame hir’atuutti mormiin kun cimee itti fufa jedhameera.