Siiriil Raamaafoozan pirezdaantii Afriikaa Kibbaa ta’uun Muudaman

Pirezedantiin Afrikaa Kibbaa duraanii Jaakoob Zuuman dhiibaa Paartin isaanii Koongirasiin Biyyyoolessaa Afrikaatiin fi lammiilee biyyaattiin taayitaa gadhiisaniiru
Akka lakkofsa warra faranjoota bara 2009 jalqabee Pirezedaantii Afriikaa Kibbaa ta’un tajaajila kan turan Jaakoob Zuumaan dhiibaa kana wajjiin walqabatee fedhiin aangoo isaanii gadhiisaniiru
Bakka isaanii immoo Siiriil Raamaafoozan umriin waggaa 65ffaa isaaniitiin pirezedantii Afriikaa kibbaa ta’uun muudamaniiru
Raamaafoozan dhiyeenya dura taa’aa paartii Kongirasii Biyyaaleessa Afrikaa ta’uun filatamuun isaanii kan yaadatamudha
Miseensoonni paartii mormituu biyyaatti muudama Raamaafoozaatti waan hin gammanneef walgahii mana marii bakka bu’oota ummataa biyyattii gadhiisanii ba’aniiru.
Miseensoonni paartii mormituu ‘Ikoonoomiik Friidam Faaytars’jedhamu bakka Jaakoob Zuumaatti namni biraa akka filatumu fedhi qabu jedhameera
Paartichi Raamaafoozaa pirezedantii gochun bakka buusuurra kan biraa haaraa filachuu qaba ture jechun miseensoonni paartii mormituu muudama kana mormaniiru
Pirezedantiin duraanii Jaakoob Zuumaan yakka maalanmaltummaa biyyaa isaanii keessatti hunde gadifageeffate keessaa harka qabu jedhamanii shakkamu
Zuumaan kutanoon maalanmaltummaa irratti duuluu osoo qaban maallaqaa mootummaa saamuun mana ittin ijaarachuu fi abbooti abeenyaa wajjiin hidhata uumuun qabeenya dabalataa kuufacha akka turan himameera
Paartiin isaanii Koongirasiin Biyyyoolessaa Afrikaa Jaakoob Zuumaan fedhiin aangoo akka gadhiisan dhiibaa gocha tureera.
Haaluma kanan paartin isaaniis akka hin fottoqnee fi sababa kanan lubbuu namaa akka hin darbineef jecha aangoo Pirezedantummaa fedhiin gadhisuun miseensa amanamaa paartii isaanii ta’uun akka itti fufan Zuumaan gaafa Roobii beeksisun ni yaadatama