Shirri ummata Amaaraa fi Qimaant Gooxiin addaan qooduuf karoorfame hatattamaan akka dhaabbatu Waldaan Gondor akeekkachiiseera.

Shirri Mootummaan Waayyaannee ummata Amaaraa fi Qimaant gooxiin addaan qooduuf karoorse hatattamaan dhaabbachuu akka qabu waldaan Gondor akeekkachiseera
Waldaan Gondor shira kana ilaalchisee ibsa baaseen filannoo murtiin ummataa fulbaan 7 bara 2017 ummata Amaaraa fi Qimaanti gooxiin addaan qooduuf karoorfame guffachisuun barbaachisaa akka ta’e beeksiseera.
Sababa maqaa murtii ummataa jedhun lafti naannoo Amaaraa Tigraayiif akka hin kennamne ummanni tokkummaan ittisuu akka qabu waldaan kun waamicha dhiyeesseera.
Mootummaan waayyaannee Ummata Kunaamaa, Iroobi fi Agawoo akkasumas gosa Affaar naannoo Tigraay keessatti argamaniif mirga murtii ummataa yosoo laaneef ummata Amaaraa fi Qimaant Addaan qooduuf karoorfachun ergama biraa akka qabu hubachiseera.
Mootummaan Waayyaannee Ummataa laman maqaa mirga ofin-of- bulchuu jedhun addan qooduun daangaa naannoo Tigraay babal’isuuf karoora akka qabu waldaan kun beeksiseera
Waldaan Gondor ibsa mata duree ‘Shirri Daangaa kutuunii fi biyyaa diiguun bulchiinsa naannoo Tigraay babal’isuuf taasifamu murtii ummataan ni fashaleeffama’ jedhun baaseen Shirri ummata waggoota hedduu wajjiin ture addan qooduu gufachuu qaba
Boordiin Filannoo Fulbaana 7 bara 2010 ummata Amaaraa fi Qimaant addaan qooduuf jirattoonni gandoota 12 sagalee akka kennaan murteessu waldaan Gondoor beeksiseera.
Ummata Amaaraa fi Qimaant addaan qooduu kan barbachiiseef lafa gabbataa naannoo sani jiru suuta suutaan gara naannoo Tigraayiitti dangeessuun kaayyoo daangaa babal’ifachuu milkeeffachuuf akka ta’e ibsa kanarra hubatameera
Karoorri daangaa babal’ifachuu osoo karoorfamuu baatee Ummata naannoo Tigraay keessa jiraatan kan akka Iroobi, Kunaamaa, Agawoo fi Affaariif carraan murtii ummataa ofin-of bulchuu jedhu kun kennamuu qaba ture.
Mootummaan waayyaannee maqaa ofiin-ofi bulchuu fi afaan sababeeffachuun lafa gabbataa Walqaayiit Xagadee fi Raayyaa gara naannoo Tigraayiiitti akka dangeesse waldaan Gondor ibsa baaseen yaadachiseera.