Qarqara Yamanitti haleellaa doonii Baqattoota Fe’ee deemaa jiru irratti raawwatameen namoonni 31 akka ajjeefaman dhaabbanni mootummoota gamtoomanii beeksisee.

Doonii baqattoota fe,ee Yamanii gara Sudaan imala jiru irratti haleellaa raawwatameen namoonni 31 akka ajjeefaman dhaabbanni mootummota gamtoamanii beeksiseera.

Haleellaa Xiyyaara Helekoptaraa irraa raawwatameen baqqattoota ajjeefaman keessaa irra caalaan lammiilee Somaliiyaa akka ta’an himameera.

Baqqattonni dooniidhaan Yamanii gara Sudaan imalaa jiran kunniin Ragaa koolugaltummaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii akka harkaa qaban Aljeeziiraan gabaaseera.

Haleellaan kun kan raawwatame doonii baqattoota fe’ee Yamanii gara Sudaan imalaa osoo jiruu qarqara Yaman Bakka Bab al-Mandeb jedhamutti akka ta’e gabaafameera.

Erga Haleellaan kun doonii baqqattootaa irratti raawwatamee booda lubbuu baqqattoota 80 bararuun akka danda’ame Aljeeziraan gabaaseera.

Biyyi Yaman yeroo ammaa lola wal waliiniin unkuramaa waan jirtuuf haleellaa kana qaama raawwate adda baasuun hin danda’amne jedhameera.

Qarqarri Yaman iddoon Bab al-Mandeb jedhamuun beekamu kun addunyaa irratti sarara imala dooniiwwanii baay’ee murteessaa jedhama.

Guyyaatti dooniiwwan boba’aa barmeelii miiliyoonatti lakkaawamu fe’anii gara Awurooppaa, Amerikaa fi biyyoota eeshiyaa qaxxaamuran waan ta’eef, qalbii biyyoota gurguddoo addunyaas kan hawwatu ta’uunsaas ni himama.